< Faarfannaa 49 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Yaa namoota, isin hundi waan kana dhagaʼaa; warri addunyaa kana irra jiraattan hundinuu dhaggeeffadhaa;
למנצח לבני קרח מזמור שמעו זאת כל העמים האזינו כל ישבי חלד׃
2 xinnaa fi guddaan, sooressii fi hiyyeessi walumaan dhaggeeffadhaa; kunis:
גם בני אדם גם בני איש יחד עשיר ואביון׃
3 Afaan koo dubbii ogummaa dubbata; wanti ani garaatti yaadus hubannaa kenna.
פי ידבר חכמות והגות לבי תבונות׃
4 Gurra koo gara mammaaksaatti nan qabadha; hibboo koos baganaadhaan nan ibsadha.
אטה למשל אזני אפתח בכנור חידתי׃
5 Bara rakkinaa, yeroo gowwoomsitoonni hamoon na marsanitti, ani maaliifan sodaadha?
למה אירא בימי רע עון עקבי יסובני׃
6 Isaan qabeenya isaanii amanatu; guddina sooruma isaaniitiinis boonu.
הבטחים על חילם וברב עשרם יתהללו׃
7 Namni lubbuu nama gara biraa furu, yookaan gatii furii nama sanaa Waaqaaf baasu tokko iyyuu hin jiru;
אח לא פדה יפדה איש לא יתן לאלהים כפרו׃
8 furiin lubbuu namaa gatii guddaa qabaatii; gatiin quufsaanis yoom iyyuu hin argamu;
ויקר פדיון נפשם וחדל לעולם׃
9 silaa inni bara baraan ni jiraata; hin tortorus ture.
ויחי עוד לנצח לא יראה השחת׃
10 Akka ogeeyyiin duʼan namni hundinuu ni arga; gowwoonnii fi raatuwwanis akkasuma ni badu; qabeenya isaaniis warra kaaniif dhiisu.
כי יראה חכמים ימותו יחד כסיל ובער יאבדו ועזבו לאחרים חילם׃
11 Isaan yoo lafa maqaa isaaniitiin waamamtu qabaatan illee, awwaalli isaanii bara baraan mana isaanii, dhalootaa hamma dhalootaattis iddoo boqonnaa isaanii taʼee hafa.
קרבם בתימו לעולם משכנתם לדר ודר קראו בשמותם עלי אדמות׃
12 Namni garuu qabeenya qabaatu illee bara dheeraa hin jiraatu; inni akkuma bineensa duʼee baduu ti.
ואדם ביקר בל ילין נמשל כבהמות נדמו׃
13 Wanni namoota ofitti amanatanii fi warra isaan duukaa buʼanii dubbii isaanii hoʼisan eeggatu kanuma.
זה דרכם כסל למו ואחריהם בפיהם ירצו סלה׃
14 Isaan akkuma hoolaa duʼaaf ramadamaniiru; duuti tiksee isaanii ti; toloonni ganamaan isaan irratti aangoo qabaatu; dhagni isaanii mana isaanii irraa fagaatee awwaala keessatti ni tortora; awwaallis mana jireenya isaanii ti. (Sheol h7585)
כצאן לשאול שתו מות ירעם וירדו בם ישרים לבקר וצירם לבלות שאול מזבל לו׃ (Sheol h7585)
15 Waaqni garuu lubbuu koo humna siiʼool jalaa baasa; inni dhugumaan ofitti na fudhata. (Sheol h7585)
אך אלהים יפדה נפשי מיד שאול כי יקחני סלה׃ (Sheol h7585)
16 Yommuu namni tokko sooromu, yommuu ulfinni mana isaas guddatu hin sodaatin.
אל תירא כי יעשר איש כי ירבה כבוד ביתו׃
17 Inni yommuu duʼutti waanuma tokko illee fudhatee hin deemuutii; ulfinni isaas isa wajjin hin dhaqu.
כי לא במותו יקח הכל לא ירד אחריו כבודו׃
18 Inni bara jireenya isaa lubbuu isaa eebbisu iyyuu, yoo namoonni yeroo ati waan gaarii ofii keetii godhattutti si jajan illee,
כי נפשו בחייו יברך ויודך כי תיטיב לך׃
19 inni gara dhaloota abbootii isaa, gara warra gonkumaa deebiʼanii ifa jireenyaa hin arginee ni dhaqa.
תבוא עד דור אבותיו עד נצח לא יראו אור׃
20 Namni badhaadhaan hubannaa hin qabne, akkuma bineensaa duʼee bada.
אדם ביקר ולא יבין נמשל כבהמות נדמו׃

< Faarfannaa 49 >