Preface
Read
+
Publisher
Nainoia, Inc.
PO Box 462, Bellefonte, PA 16823
(814) 470-8028
Nainoia Inc, Publisher
LinkedIn/NAINOIA-INC
Third Party Publisher Resources
Request Custom Formatted Verses
Please contact us below
Submit your proposed corrections
I understand that the Aionian Bible republishes public domain and Creative Commons Bible texts and that volunteers may be needed to present the original text accurately. I also understand that apocryphal text is removed and most variant verse numbering is mapped to the English standard. I have entered my corrections under the verse(s) below. Proposed corrections to the New Oromo Contemporary Version, Psalms Chapter 49 https://www.AionianBible.org/Bibles/Oromo---New-World/Psalms/49 1) Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Yaa namoota, isin hundi waan kana dhagaʼaa; warri addunyaa kana irra jiraattan hundinuu dhaggeeffadhaa; 2) xinnaa fi guddaan, sooressii fi hiyyeessi walumaan dhaggeeffadhaa; kunis: 3) Afaan koo dubbii ogummaa dubbata; wanti ani garaatti yaadus hubannaa kenna. 4) Gurra koo gara mammaaksaatti nan qabadha; hibboo koos baganaadhaan nan ibsadha. 5) Bara rakkinaa, yeroo gowwoomsitoonni hamoon na marsanitti, ani maaliifan sodaadha? 6) Isaan qabeenya isaanii amanatu; guddina sooruma isaaniitiinis boonu. 7) Namni lubbuu nama gara biraa furu, yookaan gatii furii nama sanaa Waaqaaf baasu tokko iyyuu hin jiru; 8) furiin lubbuu namaa gatii guddaa qabaatii; gatiin quufsaanis yoom iyyuu hin argamu; 9) silaa inni bara baraan ni jiraata; hin tortorus ture. 10) Akka ogeeyyiin duʼan namni hundinuu ni arga; gowwoonnii fi raatuwwanis akkasuma ni badu; qabeenya isaaniis warra kaaniif dhiisu. 11) Isaan yoo lafa maqaa isaaniitiin waamamtu qabaatan illee, awwaalli isaanii bara baraan mana isaanii, dhalootaa hamma dhalootaattis iddoo boqonnaa isaanii taʼee hafa. 12) Namni garuu qabeenya qabaatu illee bara dheeraa hin jiraatu; inni akkuma bineensa duʼee baduu ti. 13) Wanni namoota ofitti amanatanii fi warra isaan duukaa buʼanii dubbii isaanii hoʼisan eeggatu kanuma. 14) Isaan akkuma hoolaa duʼaaf ramadamaniiru; duuti tiksee isaanii ti; toloonni ganamaan isaan irratti aangoo qabaatu; dhagni isaanii mana isaanii irraa fagaatee awwaala keessatti ni tortora; awwaallis mana jireenya isaanii ti. (Sheol h7585) 15) Waaqni garuu lubbuu koo humna siiʼool jalaa baasa; inni dhugumaan ofitti na fudhata. (Sheol h7585) 16) Yommuu namni tokko sooromu, yommuu ulfinni mana isaas guddatu hin sodaatin. 17) Inni yommuu duʼutti waanuma tokko illee fudhatee hin deemuutii; ulfinni isaas isa wajjin hin dhaqu. 18) Inni bara jireenya isaa lubbuu isaa eebbisu iyyuu, yoo namoonni yeroo ati waan gaarii ofii keetii godhattutti si jajan illee, 19) inni gara dhaloota abbootii isaa, gara warra gonkumaa deebiʼanii ifa jireenyaa hin arginee ni dhaqa. 20) Namni badhaadhaan hubannaa hin qabne, akkuma bineensaa duʼee bada. Additional comments?
Refresh Captcha
The world's first Holy Bible un-translation!