< Faarfannaa 45 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo ilmaan Qooraahi kan “Daraaraa” jedhamu. Maskiil. Faarfannaa cidhaa. Yommuu ani mootiidhaaf faarfadhutti, yaadni gaariin garaa koo guutee irra dhangalaʼa; arrabni koos akkuma biirii barreessaa ogeessa tokkoo ti.
למנצח על ששנים לבני קרח משכיל שיר ידידת רחש לבי דבר טוב אמר אני מעשי למלך לשוני עט סופר מהיר׃
2 Ati nama hundumaa caalaa miidhagaa dha; hidhii kee irra surraatu dhangalaʼa; kanaafuu Waaqni bara baraan si eebbiseera.
יפיפית מבני אדם הוצק חן בשפתותיך על כן ברכך אלהים לעולם׃
3 Yaa gooticha, goraadee kee luqqeettuutti hidhadhu; ulfinaa fi surraa uffadhu.
חגור חרבך על ירך גבור הודך והדרך׃
4 Sababii dubbii dhugaatiif, gad of qabiisaa fi qajeelummaatiif, miidhagina keetiin moʼannaadhaan fuula duratti gulufi; harki kee mirgaas hojii sodaachisaa haa hojjetu.
והדרך צלח רכב על דבר אמת וענוה צדק ותורך נוראות ימינך׃
5 Xiyyawwan kee qara qabeeyyiin sun onnee diinota mootii haa waraanan; saboonnis miilla kee jalatti haa jijjiganii.
חציך שנונים עמים תחתיך יפלו בלב אויבי המלך׃
6 Yaa Waaqayyo, teessoon kee bara baraa hamma bara baraatti ni jiraata; bokkuun qajeelummaas bokkuu mootummaa keetii ni taʼa.
כסאך אלהים עולם ועד שבט מישר שבט מלכותך׃
7 Ati qajeelummaa jaallatta; jalʼina immoo ni jibbita; kanaafuu Waaqayyo, Waaqni kee hiriyoota kee caalaatti, zayitiidhaan gammachuu si dibeera.
אהבת צדק ותשנא רשע על כן משחך אלהים אלהיך שמן ששון מחבריך׃
8 Uffanni kee hundinuu qumbiidhaan, argeessaa fi qundhiidhaan ni urgaaʼa; masaraawwan ilka arbaatiin miidhagfaman keessattis muuziiqaan miʼa ribuu si gammachiisa.
מר ואהלות קציעות כל בגדתיך מן היכלי שן מני שמחוך׃
9 Intallan moototaa dubartoota kee warra kabajamoo keessa jiru; mootittiinis warqee Oofiiriitiin miidhagfamtee karaa harka mirga keetii dhaabatti.
בנות מלכים ביקרותיך נצבה שגל לימינך בכתם אופיר׃
10 Yaa intalaa dhagaʼi; hubadhu; gurra kees as qabi; saba keetii fi mana abbaa keetii irraanfadhu.
שמעי בת וראי והטי אזנך ושכחי עמך ובית אביך׃
11 Mootiin miidhagina kee hawwa; waan inni gooftaa kee taʼeef isa kabaji.
ויתאו המלך יפיך כי הוא אדניך והשתחוי לו׃
12 Intalli Xiiroos kennaa fiddee dhufti; sooreyyiinis garaa si laafifachuu barbaadu.
ובת צר במנחה פניך יחלו עשירי עם׃
13 Intalli mootii ulfina guddaadhaan diinqa ishee jirti; uffanni ishees warqeedhaan dhaʼame.
כל כבודה בת מלך פנימה ממשבצות זהב לבושה׃
14 Isheenis uffata halluu garaa garaa qabu uffattee gara mootiitti geeffamti; durboonni waaʼelli ishees ishee duukaa buʼanii gara keetti fidamu.
לרקמות תובל למלך בתולות אחריה רעותיה מובאות לך׃
15 Isaanis gammachuu fi ililleedhaan ol galfamu; masaraa mootichaas ni seenu.
תובלנה בשמחת וגיל תבאינה בהיכל מלך׃
16 Ilmaan kee iddoo abbootii keetii buʼan; atis lafa hunda irratti isaan ni moosifta.
תחת אבתיך יהיו בניך תשיתמו לשרים בכל הארץ׃
17 Ani akka maqaan kee dhaloota hunda keessatti yaadatamu nan godha; kanaafuu saboonni bara baraa hamma bara baraatti si jajatu.
אזכירה שמך בכל דר ודר על כן עמים יהודך לעלם ועד׃

< Faarfannaa 45 >