Preface
Read
+
Publisher
Nainoia, Inc.
PO Box 462, Bellefonte, PA 16823
(814) 470-8028
Nainoia Inc, Publisher
LinkedIn/NAINOIA-INC
Third Party Publisher Resources
Request Custom Formatted Verses
Please contact us below
Submit your proposed corrections
I understand that the Aionian Bible republishes public domain and Creative Commons Bible texts and that volunteers may be needed to present the original text accurately. I also understand that apocryphal text is removed and most variant verse numbering is mapped to the English standard. I have entered my corrections under the verse(s) below. Proposed corrections to the New Oromo Contemporary Version, Psalms Chapter 45 https://www.AionianBible.org/Bibles/Oromo---New-World/Psalms/45 1) Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo ilmaan Qooraahi kan “Daraaraa” jedhamu. Maskiil. Faarfannaa cidhaa. Yommuu ani mootiidhaaf faarfadhutti, yaadni gaariin garaa koo guutee irra dhangalaʼa; arrabni koos akkuma biirii barreessaa ogeessa tokkoo ti. 2) Ati nama hundumaa caalaa miidhagaa dha; hidhii kee irra surraatu dhangalaʼa; kanaafuu Waaqni bara baraan si eebbiseera. 3) Yaa gooticha, goraadee kee luqqeettuutti hidhadhu; ulfinaa fi surraa uffadhu. 4) Sababii dubbii dhugaatiif, gad of qabiisaa fi qajeelummaatiif, miidhagina keetiin moʼannaadhaan fuula duratti gulufi; harki kee mirgaas hojii sodaachisaa haa hojjetu. 5) Xiyyawwan kee qara qabeeyyiin sun onnee diinota mootii haa waraanan; saboonnis miilla kee jalatti haa jijjiganii. 6) Yaa Waaqayyo, teessoon kee bara baraa hamma bara baraatti ni jiraata; bokkuun qajeelummaas bokkuu mootummaa keetii ni taʼa. 7) Ati qajeelummaa jaallatta; jalʼina immoo ni jibbita; kanaafuu Waaqayyo, Waaqni kee hiriyoota kee caalaatti, zayitiidhaan gammachuu si dibeera. 8) Uffanni kee hundinuu qumbiidhaan, argeessaa fi qundhiidhaan ni urgaaʼa; masaraawwan ilka arbaatiin miidhagfaman keessattis muuziiqaan miʼa ribuu si gammachiisa. 9) Intallan moototaa dubartoota kee warra kabajamoo keessa jiru; mootittiinis warqee Oofiiriitiin miidhagfamtee karaa harka mirga keetii dhaabatti. 10) Yaa intalaa dhagaʼi; hubadhu; gurra kees as qabi; saba keetii fi mana abbaa keetii irraanfadhu. 11) Mootiin miidhagina kee hawwa; waan inni gooftaa kee taʼeef isa kabaji. 12) Intalli Xiiroos kennaa fiddee dhufti; sooreyyiinis garaa si laafifachuu barbaadu. 13) Intalli mootii ulfina guddaadhaan diinqa ishee jirti; uffanni ishees warqeedhaan dhaʼame. 14) Isheenis uffata halluu garaa garaa qabu uffattee gara mootiitti geeffamti; durboonni waaʼelli ishees ishee duukaa buʼanii gara keetti fidamu. 15) Isaanis gammachuu fi ililleedhaan ol galfamu; masaraa mootichaas ni seenu. 16) Ilmaan kee iddoo abbootii keetii buʼan; atis lafa hunda irratti isaan ni moosifta. 17) Ani akka maqaan kee dhaloota hunda keessatti yaadatamu nan godha; kanaafuu saboonni bara baraa hamma bara baraatti si jajatu. Additional comments?
Refresh Captcha
The world's first Holy Bible un-translation!