< Faarfannaa 21 >

1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, mootiin jabina keetti baayʼee gammada. Gargaarsa keettis gammachuun isaa hammam guddaa dha!
למנצח מזמור לדוד יהוה בעזך ישמח מלך ובישועתך מה יגיל מאד׃
2 Ati hawwii garaa isaa kenniteefii jirta; kadhannaa afaan isaas isa hin dhowwanne.
תאות לבו נתתה לו וארשת שפתיו בל מנעת סלה׃
3 Ati eebba guddaadhaan isa simatte; gonfoo warqee qulqulluus mataa isaa irra keesse.
כי תקדמנו ברכות טוב תשית לראשו עטרת פז׃
4 Inni jireenya si kadhate; atis ni kenniteef; bara dheeraas bara baraa hamma bara baraatti kenniteef.
חיים שאל ממך נתתה לו ארך ימים עולם ועד׃
5 Ulfinni isaa moʼannaa ati isaaf kenniteen guddaa taʼe; atis ulfinaa fi surraa isatti uwwifte.
גדול כבודו בישועתך הוד והדר תשוה עליו׃
6 Ati eebba bara baraa kenniteef; akka inni gammachuu argama keetiitiin gammadus goote.
כי תשיתהו ברכות לעד תחדהו בשמחה את פניך׃
7 Mootichi Waaqayyoon amanataatii; sababii jaalala Waaqa Waan Hundaa Olii kan hin geeddaramne sanaatiifis inni hin raafamu.
כי המלך בטח ביהוה ובחסד עליון בל ימוט׃
8 Harki kee diinota kee hunda ni qabata; harki kee mirgaas warra si jibban ni qaba.
תמצא ידך לכל איביך ימינך תמצא שנאיך׃
9 Yeroo mulʼachuu keetiitti, akka boolla ibiddi keessaa bobaʼuu isaan goota. Waaqayyo dheekkamsa isaatiin isaan liqimsa; ibiddis isaan fixa.
תשיתמו כתנור אש לעת פניך יהוה באפו יבלעם ותאכלם אש׃
10 Ati sanyii isaanii lafa irraa, ijoollee isaaniis ilmaan namaa gidduudhaa ni balleessita.
פרימו מארץ תאבד וזרעם מבני אדם׃
11 Isaan yoo waan hamaa sitti yaadan, yoo daba sitti mariʼatanis hin milkaaʼan.
כי נטו עליך רעה חשבו מזמה בל יוכלו׃
12 Ati yommuu iddaa kee isaanitti qabdutti, akka isaan baqatan gootaatii.
כי תשיתמו שכם במיתריך תכונן על פניהם׃
13 Yaa Waaqayyo, jabina keetiin ol ol jedhi; nu humna kee ni jajanna; ni faarfannas.
רומה יהוה בעזך נשירה ונזמרה גבורתך׃

< Faarfannaa 21 >