< Hooseʼaa 5 >

1 “Isin luboonni waan kana dhagaʼaa! Israaʼeloonnis qalbeeffadhaa! Yaa mana mootii dhaggeeffadhu! Murtiin kun isinitti murama: Isin Miisphaatti kiyyoo, Taaboor irratti immoo xaxoo diriirsaa turtan.
“Hear this, O priests! Take heed, O house of Israel! Give ear, O royal house! For this judgment is against you because you have been a snare at Mizpah, a net spread out on Tabor.
2 Finciltoonni ajjeechaatti jabaataniiru. Ani isaan hunda nan adaba.
The rebels are deep in slaughter; but I will chastise them all.
3 Ani waaʼee Efreem hunda beeka; Israaʼelis na duraa hin dhokattu. Yaa Efreem, ati amma sagaagaltummaatti deebiteerta; Israaʼelis xuraaʼeera.
I know all about Ephraim, and Israel is not hidden from Me. For now, O Ephraim, you have turned to prostitution; Israel is defiled.
4 “Hojiin isaanii akka isaan gara Waaqa isaaniitti deebiʼan hin eeyyamuuf. Hafuurri sagaagaltummaa garaa isaanii keessa jira; isaan Waaqayyoon hin beekan.
Their deeds do not permit them to return to their God, for a spirit of prostitution is within them, and they do not know the LORD.
5 Of tuulummaan Israaʼel dhugaa isaanitti baʼa; Israaʼeloonni, Efreem mataan isaa iyyuu cubbuu isaanii keessatti gufatu; Yihuudaanis isaan wajjin gufata.
Israel’s arrogance testifies against them; Israel and Ephraim stumble in their iniquity; even Judah stumbles with them.
6 Isaan yommuu Waaqayyoon barbaaduudhaaf bushaayee fi loon isaanii fudhatanii deemanitti, isa hin argatan; inni isaan dhiisee deemeeraatii.
They go with their flocks and herds to seek the LORD, but they do not find Him; He has withdrawn Himself from them.
7 Isaan Waaqayyoof amanamoo miti; seeraan ala ijoollee godhatu. Yeroo isaan Ayyaana Baatii Haaraa ayyaaneffatanitti inni lafa qotiisaa isaanii ni balleessa.
They have been unfaithful to the LORD; for they have borne illegitimate children. Now the New Moon will devour them along with their land.
8 “Gibeʼaa keessatti malakata, Raamaa keessatti immoo gaanfa afuufaa. Beet Aawwen keessatti iyya lolaa dhageessisaa; yaa Beniyaam, ati dura qajeeli.
Blow the ram’s horn in Gibeah, the trumpet in Ramah; raise the battle cry in Beth-aven: Lead on, O Benjamin!
9 Guyyaa ifannaatti Efreem ni ona. Ani gosoota Israaʼel gidduutti waan mirkanaaʼe nan labsa.
Ephraim will be laid waste on the day of rebuke. Among the tribes of Israel I proclaim what is certain.
10 Bulchitoonni Yihuudaa akkuma nama dhagaa daarii dhiibu tokkoo ti. Ani akkuma lolaa bishaanii dheekkamsa koo isaanitti gad nan lolaasa.
The princes of Judah are like those who move boundary stones; I will pour out My fury upon them like water.
11 Efreem sababii waaqota tolfamoo duukaa buʼuu jaallateef akka malee hacuucamee murtiidhaan lafatti dhidhiitame.
Ephraim is oppressed, crushed in judgment, for he is determined to follow worthless idols.
12 Ani Efreemitti akka bilii, Yihuudaatti immoo akka daanaʼoo ti.
So I am like a moth to Ephraim, and like decay to the house of Judah.
13 “Yommuu Efreem dhukkuba isaa, Yihuudaanis madaa isaa argetti, Efreem gara Asooritti garagalee mooticha guddaa gargaarsa kadhachuudhaaf nama itti erge. Inni garuu isin fayyisuu, madaa keessanis wayyeessuu hin dandaʼu.
When Ephraim saw his sickness and Judah his wound, then Ephraim turned to Assyria and sent to the great king. But he cannot cure you or heal your wound.
14 Ani Efreemitti akkuma leencaa, Yihuudaattis akkuma saafela leencaa nan taʼa. Ani gargar isaan ciccireen biraa deema; ani isaan guureen deema; namni isaan oolchus hin jiru.
For I am like a lion to Ephraim and like a young lion to the house of Judah. I, even I, will tear them to pieces and then go away. I will carry them off where no one can rescue them.
15 Ergasii ani hamma isaan balleessaa isaanii fudhatanitti iddoo kootti nan deebiʼa. Isaan fuula koo barbaaddatu; rakkoo isaanii keessatti jabaatanii na barbaaddatu.”
Then I will return to My place until they admit their guilt and seek My face; in their affliction they will earnestly seek Me.”

< Hooseʼaa 5 >