< Hooseʼaa 6 >

1 “Kottaa gara Waaqayyootti deebinaa. Inni nu ciccireera; garuu nu fayyisa; inni nu madeesseera; garuu madaa keenya ni waldhaana.
Come, let us return to the LORD. For He has torn us to pieces, but He will heal us; He has wounded us, but He will bind up our wounds.
2 Akka nu fuula isaa dura jiraannuuf, guyyaa lama booddee nu bayyanachiisa; guyyaa sadaffaatti immoo deebisee nu dhaaba.
After two days He will revive us; on the third day He will raise us up, that we may live in His presence.
3 Kottaa Waaqayyoon haa beeknu; isa beekuufis haa tattaaffannu. Akkuma aduun dhugumaan baatu sana inni dhugumaan ni dhufa; inni akkuma bokkaa gannaa, akkuma bokkaa birraa kan lafa quubsu sanaatti gara keenya ni dhufa.
So let us know— let us press on to know the LORD. As surely as the sun rises, He will appear; He will come to us like the rain, like the spring showers that water the earth.
4 “Yaa Efreem, ani maalan si godha? Yaa Yihuudaa, ani maalan si godha? Jaalalli keessan akkuma hurrii ganamaa, akkuma fixeensa barii baduu ti.
What shall I do with you, O Ephraim? What shall I do with you, O Judah? For your loyalty is like a morning mist, like the early dew that vanishes.
5 Kanaafuu ani raajota kootiin isin cicciree dubbii afaan kootiin isin fixe; murtiin koos akkuma aduu ni baʼa.
Therefore I have hewn them by the prophets; I have slain them by the words of My mouth, and My judgments go forth like lightning.
6 Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhuutii; aarsaa gubamu caalaa Waaqa beekuu nan fedha.
For I desire mercy, not sacrifice, and the knowledge of God rather than burnt offerings.
7 Isaan akkuma Addaam kakuu cabsaniiru; achittis anaaf hin amanamne.
But they, like Adam, have transgressed the covenant; there they were unfaithful to Me.
8 Giliʼaad magaalaa hamootaa kan dhiigaan faalamtee dha.
Gilead is a city of evildoers, tracked with footprints of blood.
9 Akkuma saamtuun riphxee nama eeggattu sana, gareen lubootaas akkasuma godhu; isaan yakka qaanessaa hojjechuudhaan karaa Sheekem irratti nama ajjeesu.
Like raiders who lie in ambush, so does a band of priests; they murder on the way to Shechem; surely they have committed atrocities.
10 Ani mana Israaʼel keessatti waan suukaneessaa tokko argeera. Achitti Efreem ni sagaagale; Israaʼelis ni xuraaʼe.
In the house of Israel I have seen a horrible thing: Ephraim practices prostitution there, and Israel is defiled.
11 “Yaa Yihuudaa sittis haamamuun murteeffameera. “Yeroo ani boojuu saba koo deebisutti,
Also for you, O Judah, a harvest is appointed, when I restore My people from captivity.

< Hooseʼaa 6 >