Preface
Read
+
Publisher
Nainoia, Inc.
PO Box 462, Bellefonte, PA 16823
(814) 470-8028
Nainoia Inc, Publisher
LinkedIn/NAINOIA-INC
Third Party Publisher Resources
Request Custom Formatted Verses
Please contact us below
Submit your proposed corrections
I understand that the Aionian Bible republishes public domain and Creative Commons Bible texts and that volunteers may be needed to present the original text accurately. I also understand that apocryphal text is removed and most variant verse numbering is mapped to the English standard. I have entered my corrections under the verse(s) below. Proposed corrections to the New Oromo Contemporary Version, Hosea Chapter 5 https://www.AionianBible.org/Bibles/Oromo---New-World/Hosea/5 1) “Isin luboonni waan kana dhagaʼaa! Israaʼeloonnis qalbeeffadhaa! Yaa mana mootii dhaggeeffadhu! Murtiin kun isinitti murama: Isin Miisphaatti kiyyoo, Taaboor irratti immoo xaxoo diriirsaa turtan. 2) Finciltoonni ajjeechaatti jabaataniiru. Ani isaan hunda nan adaba. 3) Ani waaʼee Efreem hunda beeka; Israaʼelis na duraa hin dhokattu. Yaa Efreem, ati amma sagaagaltummaatti deebiteerta; Israaʼelis xuraaʼeera. 4) “Hojiin isaanii akka isaan gara Waaqa isaaniitti deebiʼan hin eeyyamuuf. Hafuurri sagaagaltummaa garaa isaanii keessa jira; isaan Waaqayyoon hin beekan. 5) Of tuulummaan Israaʼel dhugaa isaanitti baʼa; Israaʼeloonni, Efreem mataan isaa iyyuu cubbuu isaanii keessatti gufatu; Yihuudaanis isaan wajjin gufata. 6) Isaan yommuu Waaqayyoon barbaaduudhaaf bushaayee fi loon isaanii fudhatanii deemanitti, isa hin argatan; inni isaan dhiisee deemeeraatii. 7) Isaan Waaqayyoof amanamoo miti; seeraan ala ijoollee godhatu. Yeroo isaan Ayyaana Baatii Haaraa ayyaaneffatanitti inni lafa qotiisaa isaanii ni balleessa. 8) “Gibeʼaa keessatti malakata, Raamaa keessatti immoo gaanfa afuufaa. Beet Aawwen keessatti iyya lolaa dhageessisaa; yaa Beniyaam, ati dura qajeeli. 9) Guyyaa ifannaatti Efreem ni ona. Ani gosoota Israaʼel gidduutti waan mirkanaaʼe nan labsa. 10) Bulchitoonni Yihuudaa akkuma nama dhagaa daarii dhiibu tokkoo ti. Ani akkuma lolaa bishaanii dheekkamsa koo isaanitti gad nan lolaasa. 11) Efreem sababii waaqota tolfamoo duukaa buʼuu jaallateef akka malee hacuucamee murtiidhaan lafatti dhidhiitame. 12) Ani Efreemitti akka bilii, Yihuudaatti immoo akka daanaʼoo ti. 13) “Yommuu Efreem dhukkuba isaa, Yihuudaanis madaa isaa argetti, Efreem gara Asooritti garagalee mooticha guddaa gargaarsa kadhachuudhaaf nama itti erge. Inni garuu isin fayyisuu, madaa keessanis wayyeessuu hin dandaʼu. 14) Ani Efreemitti akkuma leencaa, Yihuudaattis akkuma saafela leencaa nan taʼa. Ani gargar isaan ciccireen biraa deema; ani isaan guureen deema; namni isaan oolchus hin jiru. 15) Ergasii ani hamma isaan balleessaa isaanii fudhatanitti iddoo kootti nan deebiʼa. Isaan fuula koo barbaaddatu; rakkoo isaanii keessatti jabaatanii na barbaaddatu.” Additional comments?
Refresh Captcha
The world's first Holy Bible un-translation!