< Matendo 19 >

1 Ikawa kwamba Apolo alipokuwa Korintho, Paulo akapita nyanda za juu na kufika katika mji wa Efeso, na akakuta wanafunzi kadhaa huko.
Utuu Apholoos Qorontos keessa jiruu Phaawulos immoo biyya ol aanu keessa baʼee Efesoon dhufe; achittis barattoota tokko tokko argate.
2 Paulo akawaambia, “Je, mlipokea Roho Mtakatifu mlipoamini?” Wakamwambia, “Hapana, hatukuweza hata kusikia kuhusu Roho Mtakatifu.”
Innis, “Isin yeroo amantanitti Hafuura Qulqulluu argattaniirtuu?” jedhee gaafate. Isaan immoo deebisanii, “Hin arganne; nu akka Hafuurri Qulqulluun jiru iyyuu takkumaa hin dhageenye” jedhan.
3 Paul alisema, “Sasa ninyi mlibatizwaje?” Wakasema, “Katika ubatizo wa Yohana.
Phaawulosis, “Yoos cuuphaa kami cuuphamtan ree?” jedhee gaafate. Isaanis, “Cuuphaa Yohannis” jedhan.
4 Basi Paulo akajibu, “Yohana alibatiza kwa ubatizo wa toba. Akawaambia wale watu kwamba wanapaswa kumwamini yule ambaye angekuja baada yake, yaani, Yesu.”
Phaawulosis, “Cuuphaan Yohannis cuuphaa qalbii jijjiirrannaa ti; Yohannis akka isaan kan isa duubaan dhufaa jirutti, jechuunis Yesuusitti amananiif namootatti hima ture” jedhe.
5 Watu waliposikia habari hii, wakabatizwa kwa jina la Bwana Yesu.
Isaanis waan kana dhagaʼanii maqaa Gooftaa Yesuusitti cuuphaman.
6 Na ikawa Paulo alipoweka mikono yake juu yao, Roho Mtakatifu akaja juu yao na wakaanza kunena kwa lugha na kutabiri.
Yommuu Phaawulos harka isaan irra kaaʼetti Hafuurri Qulqulluun isaan irra buʼe; isaanis afaan haaraadhaan dubbatan; raajiis ni dubbatan.
7 Jumla yao walikuwa wanaume wapatao kumi na wawili.
Isaanis walumatti gara nama kudha lamaa turan.
8 Paulo alienda katika sinagogi akanena kwa ujasiri kwa muda wa miezi mitatu. Alikuwa akiongoza majadiliano na kuwavuta watu kuhusu mambo yanayohusu ufalme wa Mungu.
Phaawulosis mana sagadaa seenee waaʼee mootummaa Waaqaa isaan wajjin falmaa, akka isaan amananiifis yaalaa, jiʼa sadii sodaa malee dubbachaa ture.
9 Lakini Wayahudi wengine walikuwa wakaidi na wasiotii, walianza kusema mabaya kuhusu njia ya Kristo mbele ya umati. Basi Paulo aliachana nao na akawatenga waaminio mbali nao. Naye alianza kuongea kila siku katika ukumbi wa Tirano.
Isaan keessaa tokko tokko garuu mata jabeeyyii taʼan; amanuus didanii waaʼee karaa sanaa uummata duratti waan hamaa dubbatan; kanaaf Phaawulos isaan dhiisee deeme; barattootas ofitti fudhatee mana barumsaa Xiraanoos keessatti guyyuma guyyaan isaan wajjin mariʼachaa ture.
10 Hii iliendelea kwa miaka miwili, kwa hiyo wote waliokuwa wanaishi katika Asia walisikia neno la Bwana, wote Wayahudi na Wayunani.
Kunis waggaa lama itti fufe; kanaaf Yihuudoonnii fi Giriikonni biyya Asiyaa keessa jiraatan hundinuu dubbii Gooftaa dhagaʼan.
11 Mungu alikuwa akifanya matendo makuu kwa mikono ya Paulo,
Waaqni harka Phaawulosiitiin hojii dinqii kan akka malee dinqisiisu hojjechaa ture.
12 kwamba hata wagonjwa waliponywa, na roho chafu waliwatoka, wakati walipochukua leso na nguo zilizotoka mwilini mwa Paulo.
Kanaaf maarrabiin yookaan marxoon dhagna isaa tuqe iyyuu dhukkubsattootatti geeffama ture; isaanis ni fayyu; hafuurri hamaanis isaan keessaa baʼa ture.
13 Lakini palikuwapo Wayahudi wapunga pepo wakisafiri kupitia eneo hilo, wakilitumia jina la Yesu kwa ajili ya matumizi yao wenyewe. Wakiwaambia wale walikuwa na pepo wachafu; Wakisema, “Ninawaamuru mtoke kwa jina la Yesu ambaye Paulo anamhubiri.”
Yihuudoonni biyya keessa nanaannaʼanii hafuurota xuraaʼoo nama keessaa baasan tokko tokkos namoota hafuura hamaan qabaman irratti maqaa Gooftaa Yesuus waamuu yaalan; isaanis, “Ani maqaa Yesuus kan Phaawulos lallabu sanaan sin ajaja” jedhan.
14 Waliofanya haya walikuwa wana saba wa kuhani Mkuu wa Kiyahudi, Skewa.
Ilmaan Iskoyaas, isa luba hangafa Yihuudootaa ture sanaa torbanis waan kana hojjetaniiru.
15 Roho wachafu wakawajibu, “Yesu namjua, na Paulo namjua; lakini ninyi ni nani? “
Hafuurri hamaan sun garuu, “Ani Yesuusin beeka; waaʼee Phaawulosis beeka; isin immoo eenyu?” jedhee deebiseef.
16 Yule roho mchafu ndani ya mtu akawarukia wapunga pepo na akawashinda nguvu na kuwapiga. Ndipo wakakimbia kutoka ile nyumba wakiwa uchi na kujeruhiwa.
Namichi hafuura hamaan qabame sunis isaanitti utaale; hunda isaaniis moʼate; ni tumes; isaanis madaaʼanii qullaa isaanii mana keessaa baʼanii baqatan.
17 Jambo hili likajulikana kwa wote, Wayahudi na Wayunani, ambao waliishi huko Efeso. Wakawa na hofu sana, na jina la Bwana likazidi kuheshimiwa.
Kunis Yihuudootaa fi Giriikota Efesoon keessa jiraatan hunda biratti beekame; isaan hundis sodaan guutaman; maqaan Gooftaa Yesuusis baayʼee kabajame.
18 Pia, wengi wa waumini walikuja na wakaungama na wakidhihirisha matendo mabaya waliyoyafanya.
Warra amanan keessaas baayʼeen isaanii dhufanii hojii isaanii hamaa sana ifatti baasanii himachaa turan.
19 Wengi waliokuwa wakifanya uganga wakakusanya vitabu vyao, wakavichoma mbele ya kila mtu. Wakati wao walipohesabu thamani ya vitu hivyo, ilikuwa vipande hamsini elfu vya fedha.
Warra falfala hojjechaa turan keessaas namoonni baayʼeen kitaabota isaanii walitti qabanii fuula uummataa duratti guban; gatiin kitaabota sanaas yommuu shallagametti gara meetii kuma shantama taʼe.
20 Hivyo Neno la Bwana likaenea kwa upana sana katika nguvu.
Haala kanaanis dubbiin Gooftaa akka malee babalʼate; humnaanis guddate.
21 ya Paulo kukamilisha huduma yake kule Efeso, Roho akamwongoza kwenda Yerusalemu kupitia Makedonia na Akaya; Akasema, “Baada ya kuwako huko, yanipasa kuiona Rumi pia.”
Erga wanni kun hundinuu taʼee booddee Phaawulos Maqedooniyaa fi Akaayaa keessa darbee Yerusaalem dhaquu murteeffate; innis, “Ani ergan achi gaʼee booddee Roomaas dhaquun qaba” jedhe.
22 Paul akawatuma Makedonia wanafunzi wake wawili, Timotheo na Erasto, ambao walikuwa wamemsaidia. Lakini yeye mwenyewe akabaki Asia kwa muda.
Innis gargaartota isaa keessaa nama lama jechuunis Xiimotewosii fi Erisxoosin Maqedooniyaatti ergee ofii immoo yeroof biyya Asiyaa keessa ture.
23 Wakati huo kulitokea ghasia kubwa huko Efeso kuhusu ile Njia.
Gidduma sana waaʼee karaa sanaa irratti gooliin guddaan uumame.
24 Sonara mmoja jina lake Demetrio, ambaye aliyetengeneza visanamu vya fedha vya mungu Diana, alileta biashara kubwa kwa mafundi.
Tumtuun meetii kan Dimeexiroos jedhamu tokko fakkii mana qulqullummaa Arxemiisi meetii irraa hojjechuun ogeeyyii hojii harkaatiif galii guddaa galchaa ture.
25 Hivyo akawakusanya mafundi wa kazi hiyo na kusema, “Waheshimiwa, mnajua kwamba katika biashara hii sisi tunaingiza pesa nyingi.
Innis isaan hundaa fi namoota hojii akkasii qaban kaan walitti waamee akkana jedheen; “Yaa namoota nana, akka nu hojii kana irraa galii guddaa argannu ni beektu.
26 Mnaona na kusikia kwamba, si tu hapa Efeso, bali karibia Asia yote, huyu Paulo amewashawishi na kuwageuza watu wengi. Anasema kwamba hakuna miungu ambayo imefanywa kwa mikono.
Isin akka namichi Phaawulos jedhamu kun utuu Efesoon qofatti hin taʼin guutummaa biyya Asiyaa gara caalu keessattis akka waaqonni harka namaatiin tolfaman waaqota hin taʼin dubbachuudhaan nama hedduu amansiisee karaa irraa balleesse ni argitu; ni dhageessus.
27 Na si tu iko hatari kwamba biashara yetu itakuwa haihitajiki tena, lakini pia na hekalu la mungu mke aliye mkuu Diana anaweza kuchukuliwa kuwa hana maana. Tena angeweza hata kupoteza ukuu wake, yeye ambaye Asia na dunia humwabudu.”
Kanaafuu akka maqaan hojii keenyaa inni gaariin sun badu sodaan jira; garuu kana qofa utuu hin taʼin manni sagadaa Arxemiisi waaqittii guddoo sanaa iyyuu ni salphata; waaqittiin biyya Asiyaa guutuu fi addunyaa keessatti waaqeffatamtu mataan ishee iyyuu ulfina waaqummaa ishee ni dhabdi.”
28 Waliposikia haya, walijawa na hasira na wakapiga kelele, wakisema, “Diana wa Waefeso ni mkuu.”
Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee aaranii, “Arxemiisiin warra Efesoon guddoo dha!” jedhanii iyyan.
29 Mji wote ukajaa ghasia, na watu wakakimbia pamoja ndani ya ukumbi wa michezo. wakawakamata wasafiri wenzake na Paulo, Gayo na Aristariko, waliotoka Makedonia.
Yommusuma magaalattiin ni raafamte; namoonni sunis miiltota Phaawulos kanneen Maqedooniyaadhaa dhufan jechuunis Gaayoosii fi Arisxirokoosin qabanii akkuma nama tokkootti gara iddoo itti tapha argisiisanii girrisanii fiigan.
30 Paulo alitaka kuingia katika umati wa watu, lakini wanafunzi walimzuia.
Phaawulos uummatatti mulʼachuu barbaade; barattoonni garuu hin eeyyamneef.
31 Pia, baadhi ya maafisa wa mkoa wa Asia ambao walikuwa marafiki zake wakampelekea ujumbe kwa nguvu kumwomba asiingie katika ukumbi wa michezo.
Qondaaltota biyya Asiyaa warra michoota Phaawulos turan keessaas tokko tokko nama isatti erganii akka inni iddoo itti tapha argisiisan sana hin dhaqne isa kadhatan.
32 Baadhi ya watu walikuwa wakisema kitu hiki na wengine jambo lile, kwa sababu umati wa watu ulikuwa umechanganyikiwa. Wengi wao hawakuweza hata kujua kwa nini walikuja pamoja.
Yaaʼichis wacaan guutame: Garri tokko waan tokko, garri kaan waan biraa iyye. Garri caalaan isaanii immoo waan achitti walitti qabamaniif illee hin beekne.
33 Wayahudi wakamleta Iskanda nje ya umati wa watu na kumuweka juu mbele ya watu. Iskanda akatoa ishara kwa mkono wake kutoa maelezo kwa watu.
Yihuudoonnis Iskindiroosin dhiibanii fuula uummataa duratti baafnaan, namoonni tokko tokko uummata keessaa iyyanii gorsa kennaniif; innis uummata duratti falmachuuf jedhee akka namoonni calʼisaniif harkaan mallattoo kenne.
34 Lakini walipotambua kuwa yeye ni Myahudi, wote wakapiga kelele kwa sauti moja kwa muda wa saa mbili, “Diana ni mkuu wa Wafeso.”
Yommuu akka inni Yihuudii taʼe hubatanitti garuu isaan hundinuu sagalee tokkoon, “Arxemiisiin warra Efesoon guddoo dha!” jedhanii gara saʼaatii lamaa iyyaa turan.
35 Baada ya karani wa mji kuunyamazisha umati, alisema, 'Enyi wanaume wa Efeso, ni nani asiyejua kwamba mji huu wa Efeso ni mtunzaji wa hekalu la Diana mkuu na ile picha ilivyoanguka kutoka mbinguni?
Barreessaan magaalaa sanaas uummata calʼisiisee akkana jedhe; “Yaa namoota Efesoon, akka magaalaan Efesoon kun eegduu mana sagadaa Arxemiisi guddittiitii fi fakkii ishee kan samii irraa buʼe sanaa taate namni hin beekne jiraa?
36 Kuona Basi kwamba mambo haya hayatawezekana, tunapaswa kuwa na utulivu na msifanye chochote kwa haraka.
Kanaaf waan namni dhugaa kana falmu hin jirreef isin calʼisuu qabdu; waan tokko illee jarjarsuun hojjechuu hin qabdan.
37 Kwa maana mmewaita watu hawa hapa mahakamani ambao si wezi wa hekalu wala si wenye kumkufuru mungu wetu mke.
Isaan mana sagadaa saamuu yookaan waaqittii keenya arrabsuu baatan illee isin jara kana as fiddaniirtu.
38 Kwa hiyo, kama Demetrio na mafundi waliopamoja naye wana mashtaka dhidi ya mtu yeyote, mahakama ziko wazi na maliwali wapo. Na waletwe mbele ya shauri.
Kanaaf Dimeexiroosii fi ogeeyyiin isa wajjin jiran sun yoo waan ittiin nama tokko iyyuu himatan qabaatan manneen murtii banaa dha; bulchitoonni biyyaas jiru. Isaan himata qaban achitti haa dhiʼeeffatan.
39 Lakini kama wewe ukitafuta chochote kuhusu mambo mengine, yatashughurikiwa katika kikao halali.
Yoo wanni biraa kan isin dhiʼeeffachuu barbaaddan tokko iyyuu jiraate garuu wanni sun yaaʼii seera qabeessa irratti ilaalama.
40 Kwa kweli tuko katika hatari ya kutuhumiwa kuhusu ghasia siku hii. Hakuna sababu ya machafuko haya, na hatutakuwa na uwezo wa kuyaeleza.
Nu wal gaʼii kanaaf sababii dhiʼeeffachuu dandeenyu waan hin qabneef goolii harʼa taʼe kanatti akka gaafatamnu sodaa qabna.”
41 Baada ya kusema haya, aliwatawanya makutano.
Innis erga waan kana dubbatee booddee waldaa sana gad lakkise.

< Matendo 19 >