< Matendo 24 >
1 Baada ya siku tano, Anania kuhani mkuu, baadhi ya wazee na msemaji mmoja aitwaye Tertulo, wakaenda pale. Watu hawa wameleta mashtaka dhidi ya Paulo kwa gavana.
Guyyaa shan booddee Anaaniyaas lubni ol aanaan maanguddoota tokko tokkoo fi abukaattoo Xerxuloos jedhamu tokko wajjin Qiisaariyaatti gad buʼe; isaanis waan ittiin Phaawulosin himatan bulchaa duratti dhiʼeeffatan.
2 Paulo alipo simama mbele ya gavana, Tertulo akaanza kumshitaki na kusema kwa gavana, “kwa sababu yako tuna amani kuu; na kwa maono yako yanaleta mageuzi mazuri katika taifa letu;
Yommuu Phaawulos waamamee ol galetti, Xerxuloos akkana jedhee himata isaa Feeliksi duratti dhiʼeeffate; “Yaa Feeliksi kabajamaa, nu bara kee keessa yeroo dheeraa nagaan jiraanneera; ogummaan kees saba kanaaf geeddarama fideera.
3 basi kwa shukurani yote tunapokea kila kitu ukifanyacho, Wasalam mheshimiwa Feliki.
Yaa Feeliksi kabajamaa, nu waan kana karaa hundumaa fi iddoo hundatti galata guddaadhaan ni fudhanna.
4 Lakini nisikuchoshe zaidi, nakusihi unisikilize maneno machache kwa fadhili zako.
Garuu ani akka hammana irra si hin dadhabsiifneef akka ati gabaabumatti gara laafinaan nu dhageessu sin kadhadha.
5 Kwa maana tumempata mtu huyu mkorofi, na anasababisha Wayahudi wote kuasi duniani. Tena ni kiongozi wa madhehebu ya Wanazorayo. (Zingatia: Sehemu ya maneno ya mstari huu 24: 6
“Nu akka namichi kun dhukkuba hamaa taʼee Yihuudoota addunyaa guutuu irra jiran hunda keessatti goolii kaasaa jiru argineerra. Inni hoogganaa garee Naazirootaa ti.
6 Na tena alijaribu kulitia hekalu unajisi hivyo tukamkamata., haumo kwenye nakala bora za kale). (Zingatia: Mstari huu
Inni mana qulqullummaa iyyuu xureessuu yaaleera; nu immoo akka seera keenyaatti itti muruuf jennee isa qabne. [
7 Lisiasi, afisa, alikuja na akamchukua kwa nguvu mikononi mwetu., haumo kwenye nakala bora za maandiko ya kale).
Garuu Luusiyoos ajajaan kumaa sun dhufee humna guddaan harka keenya keessaa isa baase; akka himattoonni isaa fuula kee duratti dhiʼaatanis ni ajaje.]
8 Ukimwuliza Paulo kuhusu mambo haya, hata utaweza kujifunza ni kitu gani tumemshtakia.”
Ati mataan kee iyyuu isa qoruudhaan waaʼee waan nu isa himannu kanaa hunda beekuu ni dandeessa.”
9 Wayahudi nao wakamshtaki Paulo, wakisema kwamba haya mambo yalikuwa kweli.
Yihuudoonnis akka dubbiin kun dhugaa taʼe mirkaneessanii himata sana deeggaran.
10 Liwali alipompungia mkono ili Paulo aongee, Paulo alijibu, “Ninajua ya kwamba kwa miaka mingi umekua mwamuzi wa taifa hili, na nina furaha kujieleza mwenyewe kwako.
Phaawulosis yommuu bulchaan sun akka inni dubbatuuf harkaan mallattoo kenneefitti akkana jedhee deebii kenne; “Ani waan akka ati waggoota hedduuf abbaa murtii saba kanaa taate beekuuf falmii koo gammachuudhaan nan dhiʼeeffadha.
11 Waweza kuhakikisha kuwa hazijapita siku zaidi ya kumi na mbili tangu nilipopanda kwenda kuabudu Yerusalemu.
Akkuma ati rakkoo malee mirkaneeffachuu dandeessu ani waaqeffachuuf jedhee Yerusaalemitti ol baʼuun koo guyyaa kudha lama hin caalu.
12 Na waliponikuta katika hekalu, sikubishana na mtu yeyote, na sikufanya fujo katika mkutano, wala katika masinagogi wala ndani ya mji;
Warri na himatan kun anaa mana qulqullummaa keessatti yookaan manneen sagadaa keessatti yookaan magaalaa keessatti nama tokkoon illee falmu yookaan uummata kakaasu na hin arganne.
13 na wala hawawezi kuhakikisha kwako mashitaka wanayoyashitaki dhidi yangu.
Isaan waan amma ittiin na himachaa jiran kanas siif mirkaneessuu hin dandaʼan.
14 Ila nakiri hili kwako, ya kwamba kwa njia ile ambayo wanaiita dhehebu, kwa njia iyo hiyo ninamtumikia Mungu wa baba zetu. Mimi ni mwaminifu kwa yote yaliyoko kwenye sheria na maandiko ya manabii.
Taʼus ani akka nama karaa isaan garee mormitootaa jedhaniin sana duukaa buʼu tokkootti akka Waaqa abbootii keenyaa waaqeffadhu fuula kee duratti nan amana. Waan seera Museetiin walii galuu fi waan kitaabota raajotaa keessatti barreeffame hundas nan amana.
15 Nina ujasiri ule ule kwa Mungu ambao hata hao nao wanaungojea, kuja kwa ufufuo wa wafu, kwa wote wenye haki na wasio na haki pia;
Anis akkuma jara kanaa akka duʼaa kaʼuun qajeeltotaatii fi hamootaa jiraatu Waaqa nan abdadha.
16 na kwa hili, ninafanya kazi ili niwe na dhamira isiyo na hatia mbele za Mungu na mbele ya watu kupitia mambo yote.
Kanaafuu ani akka yeroo hunda Waaqaa fi nama duratti yaada qulqulluu qabaadhu nan tattaaffadha.
17 Sasa Baada ya miaka mingi nimekuja kuleta msaada kwa taifa langu na zawadi ya fedha.
“Anis bara baayʼee hiyyeeyyii saba kootiitiif gargaarsa kennuuf, Waaqaafis aarsaa dhiʼeessuuf jedhee Yerusaalem dhufe.
18 Nilipofanya hivi, Wayahudi fulani wa Asia wakanikuta ndani ya sherehe ya utakaso ndani ya hekalu, bila kundi la watu wala ghasia.
Yeroo ani waan kana hojjechaa turettis isaan anaa qulqullaaʼee jiru mana qulqullummaa keessatti na argan. Tuunni tokko iyyuu na bira hin turre; anis goolii keessatti hin hirmaanne.
19 Watu hawa ambao imewapasa kuwapo mbele yako sasa hivi na waseme kile walichonacho juu yangu kama wana neno lo lote.
Garuu Yihuudoonni biyya Asiyaa kanneen yoo waan ittiin na himatan tokko illee narraa qabaatan si duratti as dhiʼaatanii na himachuu malan tokko tokko jiru.
20 Au watu hawa wenyewe na waseme ni kosa gani waliloliona kwangu niliposimama mbele za baraza la kiyahudi;
Yookaan warri as jiran kunneen yakka yeroo ani fuula Waldaa Yihuudootaa dura dhaabadhe sana narratti argan haa himan;
21 isipokuwa kwa ajili ya kitu kimoja nilichokisema kwa sauti niliposimama katikati yao, ' ni kwa sababu ya ufufuo wa wafu ninyi mnanihukumu.”'
waan ani yeroo fuula isaanii dura dhaabadhe sana iyyee, ‘Ani harʼa waaʼee duʼaa kaʼuu warra duʼanii irratti qoramuuf jedhee fuula keessan dura dhaabadheera’ jedhe tokkicha sana malee yoo jiraate haa himan.”
22 Feliki alikuwa ametaarifiwa vizuri kuhusu njia, na akauahirisha mkutano. Akasema, “Lisia jemedari atakapokuja chini kutoka Yerusalemu nitatoa maamuzi dhidi ya mashitaka yenu.”
Feeliksi garuu waan waaʼee Karaa sanaa sirriitti beekuuf, “Ani gaafa Liisiiyaas ajajaan kumaa sun dhufutti dubbii keessan nan murteessa” jedhee yeroo biraatti dabarse.
23 Ndipo akamwamuru akida amlinde Paulo, ila awe na nafasi na hata asiwepo mtu wakuwakataza marafiki zake wasimsaidie wala wasimtembelee.
Innis akka ajajaan dhibbaa sun Phaawulosin eegumsa jala tursu, garuu akka haala isaa itti furuu fi akka michoonni isaas waan isa barbaachisu kam iyyuu isaaf dhiʼeessan eeyyamuuf ajaje.
24 Baada ya siku kadhaa, Feliki akarudi na Drusila mkewe aliyekuwa Myahudi, akatuma kumwita Paulo na akasikiliza toka kwake habari za imani ndani ya Kristo Yesu.
Feeliksis bultii muraasa booddee niitii isaa Diruusiilaa ishee Yihuudii turte wajjin dhufe; innis Phaawulosin waamsisee isaa waaʼee Kiristoos Yesuusitti amanuu dubbatu dhaggeeffate.
25 Ila Paulo alipokuwa akijadiliana naye kuhusu haki, kuwa na kiasi na hukumu itakayokuja, Feliki akapata hofu akajibu, “nenda mbali kwa sasa, ila nikipata muda tena, nitakuita.”
Yommuu Phaawulos waaʼee qajeelummaa, waaʼee of qabuutii fi waaʼee murtii kan dhufuuf jiru sanaa dubbatetti Feeliksi sodaatee, “Ammaaf ni gaʼaatii deemi! Yommuu naa mijaaʼutti anuu sin waamsisaatii” jedhe.
26 Muda uo huo, alitegemea kwamba Paulo atampa fedha kwa hiyo alimwita mara nyingi akaongea naye.
Yeroodhuma sanattis inni akka waan Phaawulos mattaʼaa isaaf kennuutti waan abdachaa tureef ammuma amma waamsisee isa wajjin haasaʼaa ture.
27 Ila miaka miwili ilipopita, Porkio Festo akawa Liwali baada ya Feliki, ila Feliki alitaka kujipendekeza kwa Wayahudi, hivyo akamwacha Paulo chini ya uangalizi.
Phoorqiyoos Fesxoos erga waggaan lama darbee booddee iddoo Feeliksi qabate; Feeliksis waan Yihuudoota gammachiisuu barbaadeef Phaawulosin manuma hidhaatti dhiise.