< 1 Wakorintho 4 >
1 Hivi ndivyo mtu atuhesabu sisi, kama watumishi wa Kristo na mawakili wa siri za kweli za Mungu.
Kanaafuu namni akka tajaajiltoota Kiristoosii fi akka warra icciitiin Waaqaa imaanaa itti kennameetti nu ilaaluu qaba.
2 Katika hili, kinachotakiwa kwa uwakili ni kwamba wawe wa kutumainiwa.
Warra imaanaan itti kenname sanas amanamoo taʼuutu irraa eegama.
3 Lakini kwangu mimi ni kitu kidogo sana kuwa ninahukumiwa na ninyi au hukumu ya kibinadamu. Kwa kuwa sijihukumu hata mimi mwenyewe.
Yoo isiniin yookaan nama kaaniin natti murame ani homaattuu hin lakkaaʼu; dhugumaan anuu ofitti hin muru.
4 Sijihukumu mimi mwenyewe, hii haina maana kuwa mimi ni mwenye haki. Ni Bwana anihukumuye.
Yaadni garaa koo qulqulluu dha; kun garuu qulqullina koo hin mirkaneessu. Kan natti muru Gooftaa dha.
5 Kwa hiyo, msitamke hukumu juu ya lolote kabla ya wakati, kabla ya kuja kwa Bwana. Atayaleta nuruni mambo yaliyofichika gizani na kufunua makusudi ya mioyo. Ndipo kila mmoja atapokea sifa yake kutoka kwa Mungu.
Kanaafuu isin utuu yeroon murteeffame sun hin gaʼin murtii tokko iyyuu hin kenninaa; hamma Gooftaan dhufutti eegaa. Inni waan dukkana keessatti dhokfame ifatti ni baasa; hawwii garaa namaas ni mulʼisa. Yeroo sana namni hundinuu Waaqa biraa galata ni argata.
6 Sasa, kaka na dada zangu, mimi mwenyewe na Apolo nimetumia kanuni hizi kwa ajili yenu. Ili kwamba kutoka kwetu mnaweza kujifunza maana ya usemi, “Usiende zaidi ya kilivyoandikwa.” Hii ni kwamba hakuna mmoja wenu ajivunaye juu ya mwingine.
Egaa yaa obboloota, ani akka isin jechi, “Waan barreeffame irra hin darbin” jedhu sun maal jechuu akka taʼe nurraa barattaniif buʼaa keessaniif jedhee waan kana hunda Apholoosii fi ofii kootti fakkeesseera; kunis akka isin nama tokko isa kaan caalchiftanii hin koorreef.
7 Maana ni nani aonaye tofauti kati yenu na mwingine? Ni nini ulicho nacho hukukipokea bure? Kama umekwisha kupokea bure, kwa nini mnajivuna kama hamkufanya hivyo?
Eenyutu akka ati warra kaan caaltu si godhe? Wanni Waaqni siif hin kennin kan ati qabdu maal faatu jira? Erga siif kennamee immoo akka waan kennaa hin taʼiniitti maaliif boonta ree?
8 Tayari mnavyo vyote ambavyo mngetaka! Tayari mmekuwa na utajiri! Mmeanza kutawala-na kwamba mnamiliki zaidi yetu sisi! Kweli, nawatakia umililki mwema ili kwamba tumiliki pamoja nanyi.
Amma isin waan barbaaddan hundumaa argattaniirtu! Sooromtaniirtus! Nurraa gargar baatanii mootota taataniirtu! Nus akka isin wajjin mootota taanuuf utuu isin mootota taatanii ani akkaman hawwa ture!
9 Kwa hiyo ninadhani Mungu ametuweka sisi mitume kama kutuonyesha wa mwisho katika mustari wa maandamano na kama watu waliohukumiwa kuuawa. Tumekuwa kama tamasha kwa ulimwengu, kwa malaika na kwa wanadamu.
Waaqni, nu ergamoota akka namoota duuti itti murtaaʼeetti waan dhuma hiriiraa nu taasise natti fakkaataatii. Nu addunyaa duratti, ergamootaa fi namoota durattis waan daawwatamu taaneerra.
10 Sisi ni wajinga kwa ajili ya Kristo, lakini ninyi ni wenye hekima katika Kristo. Tu wanyonge, lakini ninyi mna nguvu. Mnaheshimiwa, lakina sisi tunadharauliwa.
Nu Kiristoosiif jennee gowwoota; isin garuu Kiristoosiin ogeeyyii dha! Nu dadhaboo dha; isin immoo jajjabeeyyii dha! Isin kabajamtoota; nu immoo tuffatamtoota!
11 Hata saa hii tuna njaa na kiu, hatuna nguo, tuna mapigo, na tena hatuna makazi.
Hamma saʼaatii ammaatti ni beelofna; ni dheebonna; ni daarra; ni reebamna; mana jireenyaas hin qabnu.
12 Tunafanya kazi kwa bidii, kwa mikono yetu wenyewe. Tunapodharauliwa, twabariki. Wakati tunapoteswa, twavumilia.
Harkuma keenyaan hojjechuudhaanis ni dadhabna. Yommuu abaaramnu ni eebbifna; yommuu ariʼatamnus ni obsina.
13 Tunapotukanwa, twarudisha kwa upole. Tumekuwa, na tu bado tunahesabiwa kuwa kama kukataliwa na dunia na takataka kwa mambo yote.
Yommuu arrabsamnu, waan gaarii deebifna; hamma yeroo kanaattis xurii lafaatii fi kosii addunyaa taaneerra.
14 Siandiki mambo haya kuwaaibisha ninyi, lakini kuwarudi ninyi kama watoto wangu niwapendao.
Kanas isinii barreessuun koo akka ijoollee koo kanneen jaallatamaniitti isin gorsuudhaaf malee isin qaanessuuf miti.
15 Hata kama mna waalimu makumi elfu katika Kristo, hamna baba wengi. Kwa kuwa nimekuwa baba yenu katika Yesu Kristo kupitia injili.
Isin yoo karaa Kiristoosiin guddiftoota kuma kudhan qabaattan iyyuu, abbootii baayʼee hin qabdan; ani Kiristoos Yesuusiin karaa wangeelaatiin abbaa keessan taʼeeraatii.
16 Hivyo ninawasihi mniige mimi.
Kanaaf ani akka isin fakkeenya koo duukaa buutan isinan kadhadha.
17 Hiyo ndiyo sababu nilimtuma kwenu Timotheo, mpendwa wangu na mtoto mwaminifu katika Bwana. Atawakumbusheni njia zangu katika Kristo, kama ninavyofundisha kila mahali na kila kanisa.
Sababii kanaafis ani ilma koo isan jaalladhu, kan Gooftaattis amanamaa taʼe Xiimotewosin gara keessanitti ergeera. Innis haala jireenya koo kan ani Kiristoos Yesuusiin argadhe kan waan ani iddoo hundatti waldaa kiristaanaa hunda keessatti barsiisu wajjin deemu sana isin yaadachiisa.
18 Sasa baadhi yenu wanajisifu, wakitenda kana kwamba sitakuja kwenu.
Isin keessaa namoonni tokko tokko waan ani gara keessan hin dhufne seʼanii of tuulanii jiru.
19 Lakini nitakuja kwenu kitambo, kama Bwana akipenda. Ndipo nitajua si maneno yao tu wanaojisifu, lakini nitaona nguvu zao.
Yoo fedhii Waaqaa taʼe garuu ani dafee gara keessan nan dhufa; ergasii waan of tuultonni kunneen dubbatan qofa utuu hin taʼin humna isaan qabanis beekuu nan barbaada.
20 Kwa kuwa ufalme wa Mungu hauwi katika maneno bali katika nguvu.
Mootummaan Waaqaa humnaan malee dubbiidhaan miti.
21 Mnataka nini? Nije kwenu na fimbo au kwa upendo na katika roho ya upole?
Isin maal barbaaddu? Ani ulee qabadhee moo jaalalaa fi hafuura gad of qabuutiin gara keessan dhufa?