< Zaburi 7 >
1 Ombolezo la Daudi kwa Bwana kwa sababu ya Kushi, Mbenyamini. Ee Bwana, Mungu wangu, ninakukimbilia wewe, uniokoe na kunikomboa na wote wanaonifuatia,
Shiigaayoonni Daawit kan inni waaʼee Kuushi namicha gosa Beniyaamiif jedhee Waaqayyoof faarfate. Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ani kooluu sitti nan gala; warra na ariʼatan hunda jalaa na baasi; na oolchis;
2 la sivyo watanirarua kama simba na kunichana vipande vipande, asiwepo wa kuniokoa.
yoo kanaa achii isaan yeroo namni na oolchu hin jirretti, akka leencaa na cicciratu; na kukkutatus.
3 Ee Bwana, Mungu wangu, kama nimetenda haya na kuna hatia mikononi mwangu,
Yaa Waaqayyo Waaqa ko, yoo ani waan kana godhee jiraadhe yoo harka koo keessa yakki jiraate,
4 au ikiwa nimemtenda uovu aliye na amani nami, au nimemnyangʼanya adui yangu pasipo sababu,
yoo ani nama nagaadhaan na wajjin jiraatutti hamaa hojjedhee jiraadhe, yookaan yoo ani sababii malee diina koo saamee jiraadhe,
5 basi adui anifuatie na kunipata, auponde uhai wangu ardhini na kunilaza mavumbini.
diinni koo ariʼee na haa qabatu; jireenya koo lafatti haa dhidhiitu; ulfina koos awwaara keessa haa buusu.
6 Amka kwa hasira yako, Ee Bwana, inuka dhidi ya ghadhabu ya adui zangu. Amka, Mungu wangu, uamue haki.
Yaa Waaqayyo aarii keetiin kaʼi; dheekkamsa diinota kootti kaʼi. Yaa Waaqa koo anaaf dammaqi; murtii qajeelaa labsi.
7 Kusanyiko la watu na likuzunguke. Watawale kutoka juu.
Yaaʼiin namootaa naannoo keetti walitti haa qabamu; atis ol gubbaadhaa isaan bulchi.
8 Bwana na awahukumu kabila za watu. Nihukumu Ee Bwana, kwa kadiri ya haki yangu, kwa kadiri ya uadilifu wangu, Ewe Uliye Juu Sana.
Waaqayyo sabootaaf murtii haa kennu. Yaa Waaqayyo, akka qajeelummaa kootiitti, akka amanamummaa kootiittis naa murteessi.
9 Ee Mungu mwenye haki, uchunguzaye mawazo na mioyo, komesha ghasia za waovu na ufanye wenye haki waishi kwa amani.
Yaa Waaqa qajeelaa, kan yaadaa fi garaa namaa qortu, fincila hamootaa balleessi; qajeeltota immoo jabeessii dhaabi.
10 Ngao langu ni Mungu Aliye Juu Sana, awaokoaye wanyofu wa moyo.
Gaachanni koo Waaqa; inni gara toleeyyii ni oolcha.
11 Mungu ni mwamuzi mwenye haki, Mungu aghadhibikaye kila siku.
Waaqni abbaa murtii qajeelaa dha; inni Waaqa guyyaa hunda dheekkamsa isaa mulʼisuu dha.
12 Kama hakutuhurumia, atanoa upanga wake, ataupinda na kuufunga uzi upinde wake.
Yoo namni qalbii jijjiirrachuu baate, inni goraadee isaa ni qarata; iddaa isaas dabsee qopheeffata.
13 Ameandaa silaha zake kali, ameweka tayari mishale yake ya moto.
Inni meeshaa nama ajjeesu qopheeffateera; xiyya bobaʼus ni qopheeffata.
14 Yeye aliye na mimba ya uovu na achukuaye mimba ya ghasia huzaa uongo.
Kunoo, namni hamaan hammina ulfaaʼa; jalʼina garaatti baata; soba dhala.
15 Yeye achimbaye shimo na kulifukua hutumbukia katika shimo alilochimba mwenyewe.
Inni gad fageessee boolla qota; boolla qopheesse sana keessas ni buʼa.
16 Ghasia azianzishazo humrudia mwenyewe, ukatili wake humrudia kichwani.
Dabni isaa matuma isaatti deebiʼa; jalʼinni isaas gubbee mataa isaa irra buʼa.
17 Nitamshukuru Bwana kwa ajili ya haki yake, na nitaliimbia sifa jina la Bwana Aliye Juu Sana.
Qajeelummaa isaatiif Waaqayyoon nan galateeffadha; maqaa Waaqayyoo Waaqa Waan Hundaa Oliis faarfannaadhaan nan jajadha.