< Zaburi 49 >

1 Kwa mwimbishaji. Zaburi ya wana wa Kora. Sikieni haya, enyi mataifa yote, sikilizeni, ninyi wote mkaao dunia hii.
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Yaa namoota, isin hundi waan kana dhagaʼaa; warri addunyaa kana irra jiraattan hundinuu dhaggeeffadhaa;
2 Wakubwa kwa wadogo, matajiri na maskini pamoja:
xinnaa fi guddaan, sooressii fi hiyyeessi walumaan dhaggeeffadhaa; kunis:
3 Kinywa changu kitasema maneno ya hekima, usemi wa moyo wangu utatoa ufahamu.
Afaan koo dubbii ogummaa dubbata; wanti ani garaatti yaadus hubannaa kenna.
4 Nitatega sikio langu nisikilize mithali, nitafafanua kitendawili kwa zeze:
Gurra koo gara mammaaksaatti nan qabadha; hibboo koos baganaadhaan nan ibsadha.
5 Kwa nini niogope siku mbaya zinapokuja, wakati wadanganyifu waovu wanaponizunguka,
Bara rakkinaa, yeroo gowwoomsitoonni hamoon na marsanitti, ani maaliifan sodaadha?
6 wale wanaotegemea mali zao na kujivunia utajiri wao mwingi?
Isaan qabeenya isaanii amanatu; guddina sooruma isaaniitiinis boonu.
7 Hakuna mwanadamu awaye yote awezaye kuukomboa uhai wa mwingine, au kumpa Mungu fidia kwa ajili yake.
Namni lubbuu nama gara biraa furu, yookaan gatii furii nama sanaa Waaqaaf baasu tokko iyyuu hin jiru;
8 Fidia ya uhai ni gharama kubwa, hakuna malipo yoyote yanayotosha,
furiin lubbuu namaa gatii guddaa qabaatii; gatiin quufsaanis yoom iyyuu hin argamu;
9 ili kwamba aishi milele na asione uharibifu.
silaa inni bara baraan ni jiraata; hin tortorus ture.
10 Wote wanaona kwamba watu wenye hekima hufa; wajinga na wapumbavu vivyo hivyo huangamia na kuwaachia wengine mali zao.
Akka ogeeyyiin duʼan namni hundinuu ni arga; gowwoonnii fi raatuwwanis akkasuma ni badu; qabeenya isaaniis warra kaaniif dhiisu.
11 Makaburi yao yatabaki kuwa nyumba zao za milele, makao yao vizazi vyote; ingawa walikuwa na mashamba na kuyaita kwa majina yao.
Isaan yoo lafa maqaa isaaniitiin waamamtu qabaatan illee, awwaalli isaanii bara baraan mana isaanii, dhalootaa hamma dhalootaattis iddoo boqonnaa isaanii taʼee hafa.
12 Lakini mwanadamu, licha ya utajiri wake, hadumu; anafanana na mnyama aangamiaye.
Namni garuu qabeenya qabaatu illee bara dheeraa hin jiraatu; inni akkuma bineensa duʼee baduu ti.
13 Hii ndiyo hatima ya wale wanaojitumainia wenyewe, pia ya wafuasi wao, waliothibitisha misemo yao.
Wanni namoota ofitti amanatanii fi warra isaan duukaa buʼanii dubbii isaanii hoʼisan eeggatu kanuma.
14 Kama kondoo, wamewekewa kwenda kaburini, nacho kifo kitawala. Wanyofu watawatawala asubuhi, maumbile yao yataozea kaburini, mbali na majumba yao makubwa ya fahari. (Sheol h7585)
Isaan akkuma hoolaa duʼaaf ramadamaniiru; duuti tiksee isaanii ti; toloonni ganamaan isaan irratti aangoo qabaatu; dhagni isaanii mana isaanii irraa fagaatee awwaala keessatti ni tortora; awwaallis mana jireenya isaanii ti. (Sheol h7585)
15 Lakini Mungu atakomboa uhai wangu na kaburi, hakika atanichukua kwake. (Sheol h7585)
Waaqni garuu lubbuu koo humna siiʼool jalaa baasa; inni dhugumaan ofitti na fudhata. (Sheol h7585)
16 Usitishwe mtu anapotajirika, fahari ya nyumba yake inapoongezeka,
Yommuu namni tokko sooromu, yommuu ulfinni mana isaas guddatu hin sodaatin.
17 kwa maana hatachukua chochote atakapokufa, fahari yake haitashuka pamoja naye.
Inni yommuu duʼutti waanuma tokko illee fudhatee hin deemuutii; ulfinni isaas isa wajjin hin dhaqu.
18 Ingawa alipokuwa akiishi alijihesabu kuwa heri, na wanadamu wanakusifu unapofanikiwa,
Inni bara jireenya isaa lubbuu isaa eebbisu iyyuu, yoo namoonni yeroo ati waan gaarii ofii keetii godhattutti si jajan illee,
19 atajiunga na kizazi cha baba zake, ambao hawataona kamwe nuru ya uzima.
inni gara dhaloota abbootii isaa, gara warra gonkumaa deebiʼanii ifa jireenyaa hin arginee ni dhaqa.
20 Mwanadamu mwenye utajiri bila ufahamu ni kama wanyama waangamiao.
Namni badhaadhaan hubannaa hin qabne, akkuma bineensaa duʼee bada.

< Zaburi 49 >