< Zaburi 21 >
1 Kwa mwimbishaji. Zaburi ya Daudi. Ee Bwana, mfalme huzifurahia nguvu zako. Tazama jinsi ilivyo kuu furaha yake kwa ushindi unaompa!
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, mootiin jabina keetti baayʼee gammada. Gargaarsa keettis gammachuun isaa hammam guddaa dha!
2 Umempa haja ya moyo wake na hukumzuilia maombi ya midomo yake.
Ati hawwii garaa isaa kenniteefii jirta; kadhannaa afaan isaas isa hin dhowwanne.
3 Ulimkaribisha kwa baraka tele na kumvika taji ya dhahabu safi kichwani pake.
Ati eebba guddaadhaan isa simatte; gonfoo warqee qulqulluus mataa isaa irra keesse.
4 Alikuomba maisha, nawe ukampa, wingi wa siku milele na milele.
Inni jireenya si kadhate; atis ni kenniteef; bara dheeraas bara baraa hamma bara baraatti kenniteef.
5 Kutokana na ushindi uliompa, utukufu wake ni mkubwa, umeweka juu yake fahari na utukufu.
Ulfinni isaa moʼannaa ati isaaf kenniteen guddaa taʼe; atis ulfinaa fi surraa isatti uwwifte.
6 Hakika umempa baraka za milele, umemfanya awe na furaha kwa shangwe ya uwepo wako.
Ati eebba bara baraa kenniteef; akka inni gammachuu argama keetiitiin gammadus goote.
7 Kwa kuwa mfalme anamtumaini Bwana; kwa upendo usiokoma wa Aliye Juu Sana hatatikiswa.
Mootichi Waaqayyoon amanataatii; sababii jaalala Waaqa Waan Hundaa Olii kan hin geeddaramne sanaatiifis inni hin raafamu.
8 Mkono wako utawashika adui zako wote, mkono wako wa kuume utawakamata adui zako.
Harki kee diinota kee hunda ni qabata; harki kee mirgaas warra si jibban ni qaba.
9 Wakati utakapojitokeza utawafanya kama tanuru ya moto. Katika ghadhabu yake Bwana atawameza, moto wake utawateketeza.
Yeroo mulʼachuu keetiitti, akka boolla ibiddi keessaa bobaʼuu isaan goota. Waaqayyo dheekkamsa isaatiin isaan liqimsa; ibiddis isaan fixa.
10 Utawaangamiza wazao wao kutoka duniani, uzao wao kutoka wanadamu.
Ati sanyii isaanii lafa irraa, ijoollee isaaniis ilmaan namaa gidduudhaa ni balleessita.
11 Ingawa watapanga mabaya dhidi yako na kutunga hila, hawawezi kufanikiwa,
Isaan yoo waan hamaa sitti yaadan, yoo daba sitti mariʼatanis hin milkaaʼan.
12 kwa kuwa utawafanya wakimbie utakapowalenga usoni pao kwa mshale kutoka kwenye upinde wako.
Ati yommuu iddaa kee isaanitti qabdutti, akka isaan baqatan gootaatii.
13 Ee Bwana, utukuzwe katika nguvu zako, tutaimba na kusifu nguvu zako.
Yaa Waaqayyo, jabina keetiin ol ol jedhi; nu humna kee ni jajanna; ni faarfannas.