< Zaburi 120 >
1 Wimbo wa kwenda juu. Katika dhiki yangu namwita Bwana, naye hunijibu.
Faarfannaa Ol baʼuu. Ani rakkina koo keessatti Waaqayyotti nan iyyadha; innis deebii naa kenna.
2 Ee Bwana, uniokoe kutoka midomo ya uongo na ndimi za udanganyifu.
Yaa Waaqayyo, afaan sobuu fi arraba nama gowwoomsu jalaa na baasi.
3 Atakufanyia nini, au akufanyie nini zaidi, ewe ulimi mdanganyifu?
Yaa arraba gowwoomsituu nana, maaltu siif kennama? Kana caalaas maal godhamta?
4 Atakuadhibu kwa mishale mikali ya shujaa, kwa makaa yanayowaka ya mti wa mretemu.
Inni xiyya loltootaa kan qarameen, barbadaa ibiddaa qacamaatiin si adaba.
5 Ole wangu kwa kuwa naishi Mesheki, kwamba naishi katikati ya hema za Kedari!
Ani waanan Meshek keessa taaʼee dunkaanota Qeedaar gidduu jiraadhuuf, anaaf wayyoo!
6 Nimeishi muda mrefu mno miongoni mwa wale wanaochukia amani.
Warra nagaa jibban gidduu, ani yeroo dheeraa jiraadheera.
7 Mimi ni mtu wa amani; lakini ninaposema, wao wanataka vita.
Ani nama nagaa barbaadu dha; isaan garuu yeroo ani dubbadhu lolaaf kakaʼan.