< Ayubu 20 >

1 Ndipo Sofari Mnaamathi akajibu:
Zoofaari Naaʼimaatichi akkana jedhee deebise:
2 “Mawazo yanayonisumbua yananisukuma kujibu, kwa sababu nimehangaika sana.
“Waan ani akka malee jeeqameef, yaadni koo akka ani deebii kennu na kakaasa.
3 Ninasikia makaripio ambayo yananivunjia heshima, nao ufahamu wangu unanisukuma kujibu.
Ani dheekkamsa na qaanessu dhagaʼaan jira; qalbiin koos akka ani deebii kennu na kakaasa.
4 “Hakika unajua jinsi ilivyokuwa tangu zamani, tangu zamani mwanadamu alipowekwa duniani,
“Ati erga namni lafa irra kaaʼamee bara duriitii jalqabee wanni kun akkam akka ture ni beekta mitii?
5 macheko ya mtu mwovu ni ya muda mfupi, nayo furaha ya wasiomcha Mungu hudumu kwa kitambo tu.
Burraaquun jalʼootaa yeroo gabaabaaf tura; gammachuun warra Waaqaaf hin bullees akkuma liphsuu ijaa ti.
6 Ingawa kujikweza kwake hufikia mbinguni na kichwa chake hugusa mawingu,
Of tuulummaan isaa samiiwwan gaʼee mataan isaa duumessawwan tuqus,
7 ataangamia milele kama mavi yake mwenyewe. Wale waliomwona watauliza, ‘Yuko wapi?’
inni akkuma awwaaraa bara baraan bada; warri duraan isa arganis, ‘Inni eessa jira?’ jedhu.
8 Kama ndoto hutoweka, wala hapatikani tena, amefukuziwa mbali kama maono ya usiku.
Inni akkuma abjuu fiigee bada; deebiʼees hin argamu; akkuma mulʼata halkaniis dafee dhabama.
9 Jicho lililomwona halitamwona tena; mahali pake hapatamwona tena.
Iji isaa argee ture deebiʼee isa hin argu; iddoon isaas siʼachi isa hin ilaalu.
10 Watoto wake watalipa yote baba yao aliyowadhulumu maskini, nayo mikono yake itarudisha mali yote aliyonyangʼanya watu.
Ijoolleen isaa hiyyeeyyiif beenyaa baasu; harki isaas qabeenya inni saame deebisee kennuu qaba.
11 Nguvu za ujana zilizoijaza mifupa yake, zitalala naye mavumbini.
Jabinni dargaggummaa kan lafee isaa keessa guute sun, isa wajjin biyyoo keessa ciisa.
12 “Ingawa uovu ni mtamu kinywani mwake naye huuficha chini ya ulimi wake,
“Hamminni afaan isaa keessatti miʼaawee inni arraba isaa jala dhokfatu iyyuu,
13 ingawa hawezi kukubali kuuachia uende, lakini huuweka kinywani mwake.
inni afaanii baafatee gatuu jibbee afaanuma ofii isaa keessa turfatu iyyuu,
14 Hata hivyo chakula chake kitakuwa kichungu tumboni mwake, nacho kitakuwa sumu kali ya nyoka ndani yake.
nyaanni isaa garaa isaa keessatti dhangaggaaʼa; isa keessattis hadhaa bofaa taʼa.
15 Atatema mali alizozimeza; Mungu atalifanya tumbo lake kuzitapika.
Inni qabeenya liqimse sana ni tufa; Waaqnis akka garaan isaa waan sana diddigu ni godha.
16 Atanyonya sumu za majoka; meno ya nyoka mwenye sumu kali yatamuua.
Inni summii bofaa xuuxa; arrabni buutiis isa ajjeesa.
17 Hatafurahia vijito, mito inayotiririsha asali na siagi.
Inni laga yaaʼu, burqaa dammaatii fi dhadhaa hin argu.
18 Vile alivyovitaabikia atavirudisha bila kuvila; hatafurahia faida itokanayo na biashara yake.
Inni waan itti dadhabe utuu hin nyaatin deebisa; buʼaa daldala isaa irraa argatettis hin gammadu.
19 Kwa kuwa aliwaonea maskini na kuwaacha pasipo kitu; amenyangʼanya kwa nguvu nyumba asizozijenga.
Inni hiyyeeyyii hacuucee harka duwwaa hambiseeraatii; mana ofii hin ijaarinis humnaan fudhateera.
20 “Hakika hatakuwa na raha katika kutamani kwake sana; hawezi kujiokoa mwenyewe kwa hazina zake.
“Hawwii isaa hamaa sana irraa boqonnaa hin argatu; inni qabeenya isaatiin of oolchuu hin dandaʼu.
21 Hakuna chochote kitakachosalia kwa ajili yake ili ale; kufanikiwa kwake hakutadumu.
Wanni inni nyaatu tokko iyyuu hin hafuuf; badhaadhummaan isaas itti fufee hin jiraatu.
22 Katikati ya wingi wa ustawi wake, dhiki itampata; taabu itamjia kwa nguvu zote.
Utuma inni waan hunda qabuu rakkinni isatti dhufa; dhiphinni cimaanis isa qabata.
23 Atakapokuwa amelijaza tumbo lake, Mungu ataionyesha ghadhabu kali dhidi yake, na kumnyeshea mapigo juu yake.
Yeroo inni garaa isaa guutatutti, Waaqni dheekkamsa isaa sodaachisaa sana itti erga; dhaʼicha isaa illee itti roobsa.
24 Ijapokuwa aikimbia silaha ya chuma, mshale wa shaba utamchoma.
Inni miʼa lolaa sibiilaa baqatu illee, xiyya naasiitu isa waraana.
25 Atauchomoa katika mgongo wake, ncha ingʼaayo kutoka ini lake. Vitisho vitakuja juu yake;
Dudga isaa keessaa xiyya, tiruu isaa keessaa immoo fiixee calaqqisu buqqisa. Sodaan guddaan isa qabata;
26 giza nene linavizia hazina zake. Moto usiopepewa na mtu utamteketeza, na kuangamiza yaliyosalia nyumbani mwake.
dukkanni limixiinis riphee qabeenya isaa eeggata. Ibiddi namni tokko iyyuu hin afarsin gubee isa fixa; waan dunkaana isaa keessatti hafes ni barbadeessa.
27 Mbingu zitaweka wazi hatia yake, nayo nchi itainuka kinyume chake.
Samiiwwan balleessaa isaa saaxilu; laftis isatti kaati.
28 Mafuriko yataichukua nyumba yake, maji yaendayo kasi katika siku ya ghadhabu ya Mungu.
Guyyaa dheekkamsa Waaqaatti lolaan mana isaa, bishaan yaaʼus miʼa isaa fudhatee deema.
29 Hili ndilo fungu Mungu alilowagawia waovu, urithi uliowekwa kwa ajili yao na Mungu.”
Carraan Waaqni cubbamootaaf kennu, dhaalli Waaqni isaaniif qoodes kanuma.”

< Ayubu 20 >