< Faarfannaa 91 >

1 Namni daʼoo Waaqa Waan Hundaa Olii keessa jiraatu, gaaddisa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaa jala boqota.
Shi wanda yake zama a wurin Mafi Ɗaukaka zai huta a cikin inuwar Maɗaukaki.
2 Anis Waaqayyoon, “Inni iddoo ani itti kooluu galuu fi daʼannoo koo ti; Waaqa koo kan ani amanadhuu dha” nan jedha.
Zan ce game da Ubangiji, “Shi ne mafakata da kagarata, Allahna, wanda nake dogara.”
3 Inni dhugumaan kiyyoo adamsaa jalaa, dhukkuba nama fixu jalaas si baasa.
Tabbatacce zai cece ka daga tarkon mai farauta da kuma daga cututtuka masu kisa.
4 Inni baallee isaatiin si dhoksa; atis qoochoo isaa jalatti kooluu ni galta; amanamummaan isaa gaachanaa fi dallaa eegumsaa siif taʼa.
Zai rufe ka da fikafikansa, a ƙarƙashin fikafikansa kuwa za ka sami mafaka; amincinsa zai zama maka garkuwa da katanga.
5 Atis naasuu halkanii, yookaan xiyya guyyaan futtaafamu hin sodaattu;
Ba za ka ji tsoron razanar dare, ko kibiyoyi da suke firiya da rana ba,
6 golfaa dukkana keessa deemu, yookaan dhaʼicha guyyaa saafaan nama balleessu hin sodaannu.
ko bala’in da yake aukowa cikin duhu, ko annobar da take hallakarwa da tsakar rana.
7 Kumni tokko si cinatti, kumni kudhan immoo mirga keetti ni kufa; garuu sitti hin dhiʼaatu.
Dubu za su iya fāɗuwa a gefenka, dubu goma a hannun damanka, amma ba abin da zai zo kusa da kai.
8 Ati ijuma kee qofaan ilaalta; adaba hamootatti dhufus ni argita.
Za ka dai gan da idanunka yadda ake hukunta mugaye.
9 Ati waan Waaqayyoon iddoo kooluu itti galtu, Waaqa Waan Hundaa Olii iddoo jireenya keetii godhatteef,
In ka mai da Mafi Ɗaukaka wurin zamanka, har ma Ubangiji wanda yake mafakata,
10 wanni hamaan si hin tuqu; dhaʼichis dunkaana keetti hin dhiʼaatu.
to, babu wani mugun abin da zai same ka, ba masifar da za tă zo kusa da tentinka.
11 Inni akka isaan karaa kee hunda irratti si eeganiif, ergamoota isaa siif ni ajaja;
Gama zai umarci mala’ikunsa game da kai don su tsare ka a dukan hanyoyinka;
12 isaanis akka miilla keetiin dhagaatti hin buuneef harka isaaniitiin ol si fuudhu.
za su tallafe ka da hannuwansu, don kada ka buga ƙafarka a kan dutse.
13 Ati leencaa fi buutii irra ejjetta; leenca saafelaa fi jawwee ni dhidhiitta.
Za ka taka zaki da gamsheƙa; za ka tattake babban zaki da maciji.
14 Waaqayyos akkana jedha; “Sababii inni na jaallatuuf, ani isa nan oolcha; waan inni maqaa koo beekuuf isa nan eega.
Ubangiji ya ce, “Domin ya ƙaunace ni, zan kuɓutar da shi; zan kiyaye shi, gama ya yarda da sunana.
15 Inni na waammata; anis nan deebisaaf; rakkina keessatti ani isa wajjin nan taʼa; isa nan oolcha; ulfinas nan kennaaf.
Zai kira bisa sunana, zan kuma amsa masa; zan kasance tare da shi a lokacin wahala, zan kuɓutar da shi in kuma girmama shi.
16 Ani umurii dheeraa isa nan quufsa; fayyisuu koos isatti argisiisa.”
Da tsawon rai zan ƙosar da shi in kuma nuna masa cetona.”

< Faarfannaa 91 >