Preface
Read
+
Publisher
Nainoia, Inc.
PO Box 462, Bellefonte, PA 16823
(814) 470-8028
Nainoia Inc, Publisher
LinkedIn/NAINOIA-INC
Third Party Publisher Resources
Request Custom Formatted Verses
Please contact us below
Submit your proposed corrections
I understand that the Aionian Bible republishes public domain and Creative Commons Bible texts and that volunteers may be needed to present the original text accurately. I also understand that apocryphal text is removed and most variant verse numbering is mapped to the English standard. I have entered my corrections under the verse(s) below. Proposed corrections to the New Oromo Contemporary Version, Psalms Chapter 91 https://www.AionianBible.org/Bibles/Oromo---New-World/Psalms/91 1) Namni daʼoo Waaqa Waan Hundaa Olii keessa jiraatu, gaaddisa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaa jala boqota. 2) Anis Waaqayyoon, “Inni iddoo ani itti kooluu galuu fi daʼannoo koo ti; Waaqa koo kan ani amanadhuu dha” nan jedha. 3) Inni dhugumaan kiyyoo adamsaa jalaa, dhukkuba nama fixu jalaas si baasa. 4) Inni baallee isaatiin si dhoksa; atis qoochoo isaa jalatti kooluu ni galta; amanamummaan isaa gaachanaa fi dallaa eegumsaa siif taʼa. 5) Atis naasuu halkanii, yookaan xiyya guyyaan futtaafamu hin sodaattu; 6) golfaa dukkana keessa deemu, yookaan dhaʼicha guyyaa saafaan nama balleessu hin sodaannu. 7) Kumni tokko si cinatti, kumni kudhan immoo mirga keetti ni kufa; garuu sitti hin dhiʼaatu. 8) Ati ijuma kee qofaan ilaalta; adaba hamootatti dhufus ni argita. 9) Ati waan Waaqayyoon iddoo kooluu itti galtu, Waaqa Waan Hundaa Olii iddoo jireenya keetii godhatteef, 10) wanni hamaan si hin tuqu; dhaʼichis dunkaana keetti hin dhiʼaatu. 11) Inni akka isaan karaa kee hunda irratti si eeganiif, ergamoota isaa siif ni ajaja; 12) isaanis akka miilla keetiin dhagaatti hin buuneef harka isaaniitiin ol si fuudhu. 13) Ati leencaa fi buutii irra ejjetta; leenca saafelaa fi jawwee ni dhidhiitta. 14) Waaqayyos akkana jedha; “Sababii inni na jaallatuuf, ani isa nan oolcha; waan inni maqaa koo beekuuf isa nan eega. 15) Inni na waammata; anis nan deebisaaf; rakkina keessatti ani isa wajjin nan taʼa; isa nan oolcha; ulfinas nan kennaaf. 16) Ani umurii dheeraa isa nan quufsa; fayyisuu koos isatti argisiisa.” Additional comments?
Refresh Captcha
The world's first Holy Bible un-translation!