< Faarfannaa 91 >
1 Namni daʼoo Waaqa Waan Hundaa Olii keessa jiraatu, gaaddisa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaa jala boqota.
He who lives in the shelter of the Most High will stay in the shadow of the Almighty.
2 Anis Waaqayyoon, “Inni iddoo ani itti kooluu galuu fi daʼannoo koo ti; Waaqa koo kan ani amanadhuu dha” nan jedha.
I will say of Yahweh, “He is my refuge and my fortress, my God, in whom I trust.”
3 Inni dhugumaan kiyyoo adamsaa jalaa, dhukkuba nama fixu jalaas si baasa.
For he will rescue you from the snare of the hunter and from the deadly plague.
4 Inni baallee isaatiin si dhoksa; atis qoochoo isaa jalatti kooluu ni galta; amanamummaan isaa gaachanaa fi dallaa eegumsaa siif taʼa.
He will cover you with his wings, and under his wings you will find refuge. His trustworthiness is a shield and protection.
5 Atis naasuu halkanii, yookaan xiyya guyyaan futtaafamu hin sodaattu;
You will not be afraid of terror in the night, or of the arrow that flies by day,
6 golfaa dukkana keessa deemu, yookaan dhaʼicha guyyaa saafaan nama balleessu hin sodaannu.
or of the plague that roams around in the darkness, or of the disease that comes at noontime.
7 Kumni tokko si cinatti, kumni kudhan immoo mirga keetti ni kufa; garuu sitti hin dhiʼaatu.
A thousand may fall at your side and ten thousand at your right hand, but it will not reach you.
8 Ati ijuma kee qofaan ilaalta; adaba hamootatti dhufus ni argita.
You will only observe and see the punishment of the wicked.
9 Ati waan Waaqayyoon iddoo kooluu itti galtu, Waaqa Waan Hundaa Olii iddoo jireenya keetii godhatteef,
For Yahweh is my refuge! Make the Most High your refuge also.
10 wanni hamaan si hin tuqu; dhaʼichis dunkaana keetti hin dhiʼaatu.
No evil will overtake you; no affliction will come near your home.
11 Inni akka isaan karaa kee hunda irratti si eeganiif, ergamoota isaa siif ni ajaja;
For he will direct his angels to protect you, to guard you in all your ways.
12 isaanis akka miilla keetiin dhagaatti hin buuneef harka isaaniitiin ol si fuudhu.
They will lift you up with their hand so that you will not hit your foot on a stone.
13 Ati leencaa fi buutii irra ejjetta; leenca saafelaa fi jawwee ni dhidhiitta.
You will crush lions and adders under your feet; you will trample on young lions and serpents.
14 Waaqayyos akkana jedha; “Sababii inni na jaallatuuf, ani isa nan oolcha; waan inni maqaa koo beekuuf isa nan eega.
Because he is devoted to me, I will rescue him. I will protect him because he is loyal to me.
15 Inni na waammata; anis nan deebisaaf; rakkina keessatti ani isa wajjin nan taʼa; isa nan oolcha; ulfinas nan kennaaf.
When he calls to me, I will answer him. I will be with him in trouble; I will give him victory and will honor him.
16 Ani umurii dheeraa isa nan quufsa; fayyisuu koos isatti argisiisa.”
I will satisfy him with long life and show him my salvation.