< Faarfannaa 86 >

1 Kadhannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, waan ani hiyyeessaa fi rakkataa taʼeef, na dhagaʼiitii deebii naa kenni.
תפלה לדוד הטה-יהוה אזנך ענני-- כי-עני ואביון אני
2 Ani sitti of kenneeraatii lubbuu koo eegi. Ati Waaqa koo ti; garbicha kee kan si amanatu oolchi.
שמרה נפשי כי-חסיד אני הושע עבדך אתה אלהי-- הבוטח אליך
3 Yaa Gooftaa na maari; ani guyyaa guutuu sin waammadhaatii.
חנני אדני כי אליך אקרא כל-היום
4 Lubbuu garbicha keetii gammachiisi; yaa Gooftaa, ani lubbuu koo gara keetti oli nan fuudhaatii.
שמח נפש עבדך כי אליך אדני נפשי אשא
5 Yaa Gooftaa ati gaarii dha; dhiifamas namaa goota; warra si waammatan hundaafis jaalalli kee guddaa dha.
כי-אתה אדני טוב וסלח ורב-חסד לכל-קראיך
6 Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo dhagaʼi; iyya waammata koos dhaggeeffadhu.
האזינה יהוה תפלתי והקשיבה בקול תחנונותי
7 Ani guyyaa rakkina kootiitti sin waammadha; ati deebii naa kennitaatii.
ביום צרתי אקראך כי תענני
8 Yaa Gooftaa, waaqota keessaa kan akka keetii hin jiru; hojiin hojii keetiin wal qixxaatu tokko iyyuu hin jiru.
אין-כמוך באלהים אדני ואין כמעשיך
9 Yaa Gooftaa, saboonni ati uumte hundinuu dhufanii, fuula kee duratti ni sagadu; maqaa keetiifis ulfina fidu.
כל-גוים אשר עשית--יבואו וישתחוו לפניך אדני ויכבדו לשמך
10 Ati guddaa fi kan hojii dinqisiisaa hojjettuu dha; Waaqni suma qofa.
כי-גדול אתה ועשה נפלאות אתה אלהים לבדך
11 Yaa Waaqayyo, karaa kee na barsiisi; anis dhugaa keetiin nan bula; akka ani maqaa kee sodaadhuuf, garaa gargar hin qoodamne naa kenni.
הורני יהוה דרכך-- אהלך באמתך יחד לבבי ליראה שמך
12 Yaa Waaqa koo Gooftaa, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha; maqaa kee illee bara baraan nan ulfeessa.
אודך אדני אלהי--בכל-לבבי ואכבדה שמך לעולם
13 Jaalalli ati naa qabdu guddaadhaatii; lubbuu koo dhidhima siiʼool keessaa baafteerta. (Sheol h7585)
כי-חסדך גדול עלי והצלת נפשי משאול תחתיה (Sheol h7585)
14 Yaa Waaqi, of tuultonni natti kaʼaniiru; tuunni finciltootaa, namoonni si hin sodaanne lubbuu koo galaafachuu barbaadu.
אלהים זדים קמו-עלי ועדת עריצים בקשו נפשי ולא שמוך לנגדם
15 Yaa Gooftaa, ati garuu Waaqa garaa laafessaa fi arjaa dha; daftee hin aartu; jaalallii fi amanamummaan kee dhuma hin qabu.
ואתה אדני אל-רחום וחנון ארך אפים ורב-חסד ואמת
16 Gara kootti deebiʼiitii na maari; jabina kee tajaajilaa keetii kenni; ilma garbittii keetiis oolchi.
פנה אלי וחנני תנה-עזך לעבדך והושיעה לבן-אמתך
17 Akka diinonni koo arganii qaanaʼaniif, mallattoo gaarummaa keetii naa kenni; yaa Waaqayyo, ati na gargaartee na jajjabeessiteertaatii.
עשה-עמי אות לטובה ויראו שנאי ויבשו-- כי-אתה יהוה עזרתני ונחמתני

< Faarfannaa 86 >