Preface
Read
+
Publisher
Nainoia, Inc.
PO Box 462, Bellefonte, PA 16823
(814) 470-8028
Nainoia Inc, Publisher
LinkedIn/NAINOIA-INC
Third Party Publisher Resources
Request Custom Formatted Verses
Please contact us below
Submit your proposed corrections
I understand that the Aionian Bible republishes public domain and Creative Commons Bible texts and that volunteers may be needed to present the original text accurately. I also understand that apocryphal text is removed and most variant verse numbering is mapped to the English standard. I have entered my corrections under the verse(s) below. Proposed corrections to the New Oromo Contemporary Version, Psalms Chapter 86 https://www.AionianBible.org/Bibles/Oromo---New-World/Psalms/86 1) Kadhannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, waan ani hiyyeessaa fi rakkataa taʼeef, na dhagaʼiitii deebii naa kenni. 2) Ani sitti of kenneeraatii lubbuu koo eegi. Ati Waaqa koo ti; garbicha kee kan si amanatu oolchi. 3) Yaa Gooftaa na maari; ani guyyaa guutuu sin waammadhaatii. 4) Lubbuu garbicha keetii gammachiisi; yaa Gooftaa, ani lubbuu koo gara keetti oli nan fuudhaatii. 5) Yaa Gooftaa ati gaarii dha; dhiifamas namaa goota; warra si waammatan hundaafis jaalalli kee guddaa dha. 6) Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo dhagaʼi; iyya waammata koos dhaggeeffadhu. 7) Ani guyyaa rakkina kootiitti sin waammadha; ati deebii naa kennitaatii. 8) Yaa Gooftaa, waaqota keessaa kan akka keetii hin jiru; hojiin hojii keetiin wal qixxaatu tokko iyyuu hin jiru. 9) Yaa Gooftaa, saboonni ati uumte hundinuu dhufanii, fuula kee duratti ni sagadu; maqaa keetiifis ulfina fidu. 10) Ati guddaa fi kan hojii dinqisiisaa hojjettuu dha; Waaqni suma qofa. 11) Yaa Waaqayyo, karaa kee na barsiisi; anis dhugaa keetiin nan bula; akka ani maqaa kee sodaadhuuf, garaa gargar hin qoodamne naa kenni. 12) Yaa Waaqa koo Gooftaa, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha; maqaa kee illee bara baraan nan ulfeessa. 13) Jaalalli ati naa qabdu guddaadhaatii; lubbuu koo dhidhima siiʼool keessaa baafteerta. (Sheol h7585) 14) Yaa Waaqi, of tuultonni natti kaʼaniiru; tuunni finciltootaa, namoonni si hin sodaanne lubbuu koo galaafachuu barbaadu. 15) Yaa Gooftaa, ati garuu Waaqa garaa laafessaa fi arjaa dha; daftee hin aartu; jaalallii fi amanamummaan kee dhuma hin qabu. 16) Gara kootti deebiʼiitii na maari; jabina kee tajaajilaa keetii kenni; ilma garbittii keetiis oolchi. 17) Akka diinonni koo arganii qaanaʼaniif, mallattoo gaarummaa keetii naa kenni; yaa Waaqayyo, ati na gargaartee na jajjabeessiteertaatii. Additional comments?
Refresh Captcha
The world's first Holy Bible un-translation!