< Faarfannaa 67 >
1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Faarfannaa. Waaqni garaa nuuf laafu; nu haa eebbisus; fuula isaas nurratti haa ibsu;
Kwa mwimbishaji. Na ala za nyuzi za muziki. Zaburi. Wimbo. Mungu aturehemu na kutubariki, na kutuangazia nuru za uso wake,
2 kunis akka karaan kee lafa irratti, fayyisuun kee immoo saboota hundumaa biratti beekamuuf.
ili njia zako zijulikane duniani, wokovu wako katikati ya mataifa yote.
3 Yaa Waaqayyo, saboonni si haa jajatan; saboonni hundii si haa jajatan.
Ee Mungu, mataifa na wakusifu, mataifa yote na wakusifu.
4 Ati waan qajeelummaadhaan namoota bulchituuf, saboota lafa irraas waan geggeessituuf, saboonni haa gammadanis; ililchaniis haa faarfatan.
Mataifa yote wafurahi na kuimba kwa shangwe, kwa kuwa unatawala watu kwa haki na kuongoza mataifa ya dunia.
5 Yaa Waaqayyo, saboonni si haa jajatan; saboonni hundii si haa jajatan.
Ee Mungu, mataifa na wakusifu, mataifa yote na wakusifu.
6 Lafti midhaan kenniteerti; Waaqayyo Waaqni keenyas nu eebbiseera.
Ndipo nchi itatoa mazao yake, naye Mungu, Mungu wetu, atatubariki.
7 Waaqni nu eebbiseera; handaarri lafaa hundi isa haa sodaatu.
Mungu atatubariki na miisho yote ya dunia itamcha yeye.