< Faarfannaa 67 >
1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Faarfannaa. Waaqni garaa nuuf laafu; nu haa eebbisus; fuula isaas nurratti haa ibsu;
(시 곧 노래. 영장으로 현악에 맞춘 것) 하나님은 우리를 긍휼히 여기사 복을 주시고 그 얼굴 빛으로 우리에게 비취사 (셀라)
2 kunis akka karaan kee lafa irratti, fayyisuun kee immoo saboota hundumaa biratti beekamuuf.
주의 도를 땅 위에, 주의 구원을 만방 중에 알리소서
3 Yaa Waaqayyo, saboonni si haa jajatan; saboonni hundii si haa jajatan.
하나님이여, 민족들로 주를 찬송케 하시며 모든 민족으로 주를 찬송케 하소서
4 Ati waan qajeelummaadhaan namoota bulchituuf, saboota lafa irraas waan geggeessituuf, saboonni haa gammadanis; ililchaniis haa faarfatan.
열방은 기쁘고 즐겁게 노래할지니 주는 민족들을 공평히 판단하시며 땅 위에 열방을 치리하실 것임이니이다 (셀라)
5 Yaa Waaqayyo, saboonni si haa jajatan; saboonni hundii si haa jajatan.
하나님이여, 민족들로 주를 찬송케 하시며 모든 민족으로 주를 찬송케 하소서
6 Lafti midhaan kenniteerti; Waaqayyo Waaqni keenyas nu eebbiseera.
땅이 그 소산을 내었도다 하나님 곧 우리 하나님이 우리에게 복을 주시리로다
7 Waaqni nu eebbiseera; handaarri lafaa hundi isa haa sodaatu.
하나님이 우리에게 복을 주시리니 땅의 모든 끝이 하나님을 경외하리로다