< Faarfannaa 51 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Faarfannaa kanas inni erga Batisheebaa bira gaʼee booddee yeroo Naataan raajichi gara isaa dhufetti faarfate. Yaa Waaqayyo, akkuma jaalala kee kan hin geeddaramne sanaatti na maari; akkuma baayʼina araara keetiitti, yakka koo narraa haqi.
in finem psalmus David cum venit ad eum Nathan propheta quando intravit ad Bethsabee miserere mei Deus secundum magnam misericordiam tuam et secundum multitudinem miserationum tuarum dele iniquitatem meam
2 Yakka koo hundumaa narraa dhiqi; cubbuu koo irraas na qulqulleessi.
amplius lava me ab iniquitate mea et a peccato meo munda me
3 Ani yakka koo beekaatii; cubbuun koos yeroo hunda fuula koo dura jira.
quoniam iniquitatem meam ego cognosco et peccatum meum contra me est semper
4 Ani sitti, suma qofatti cubbuu hojjedheera; waan fuula kee duratti hamaa taʼes hojjedheera; kanaafuu ati murtii keetiin qajeelaa dha; yommuu murtii kennituttis hin dogoggortu.
tibi soli peccavi et malum coram te feci ut iustificeris in sermonibus tuis et vincas cum iudicaris
5 Dhuguma iyyuu ani cubbuudhaanan dhaladhe; yeroo haati koo na ulfooftee jalqabees cubbamaan ture.
ecce enim in iniquitatibus conceptus sum et in peccatis concepit me mater mea
6 Ati keessa namaatti dhugaa hawwita; kanaafuu keessa kootti ogummaa na barsiisi.
ecce enim veritatem dilexisti incerta et occulta sapientiae tuae manifestasti mihi
7 Hiisophiidhaan cubbuu irraa na qulqulleessi; anis nan qulqullaaʼa; na dhiqi; anis cabbii caalaatti nan addaadha.
asparges me hysopo et mundabor lavabis me et super nivem dealbabor
8 Gammachuu fi ilillee na dhageessisi; lafeen ati caccabsites haa ililchu.
auditui meo dabis gaudium et laetitiam exultabunt ossa humiliata
9 Fuula kee cubbuu koo irraa deebifadhu; yakka koo hundas narraa haqi.
averte faciem tuam a peccatis meis et omnes iniquitates meas dele
10 Yaa Waaqayyo, garaa qulqulluu na keessatti uumi; Hafuura qajeelaas na keessatti haaromsi.
cor mundum crea in me Deus et spiritum rectum innova in visceribus meis
11 Fuula kee duraa na hin balleessin; Hafuura kee Qulqulluus narraa hin fudhatin.
ne proicias me a facie tua et spiritum sanctum tuum ne auferas a me
12 Gammachuu fayyina keetii naa deebisi; na jiraachisuudhaafis hafuura sarmu naa kenni.
redde mihi laetitiam salutaris tui et spiritu principali confirma me
13 Anis warra karaa kee irraa jalʼatan nan barsiisa; cubbamoonnis gara kee ni deebiʼu.
docebo iniquos vias tuas et impii ad te convertentur
14 Yaa Waaqi, Waaqa na Fayyiftu, ati dhiiga dhangalaasuu irraa na oolchi; arrabni koos qajeelummaa kee ni faarfata.
libera me de sanguinibus Deus Deus salutis meae exultabit lingua mea iustitiam tuam
15 Yaa Gooftaa, hidhii koo naa bani; afaan koos galata kee labsa.
Domine labia mea aperies et os meum adnuntiabit laudem tuam
16 Ati aarsaatti hin gammaddu malee silaa nan dhiʼeessa ture; aarsaa gubamuttis hin gammaddu.
quoniam si voluisses sacrificium dedissem utique holocaustis non delectaberis
17 Aarsaan Waaqni fudhatu hafuura cabaa dha; Yaa Waaqi, ati garaa cabaa fi kan gaabbu hin tuffatu.
sacrificium Deo spiritus contribulatus cor contritum et humiliatum Deus non spernet
18 Jaalala keetiin Xiyooniif waan gaarii godhi; dallaa Yerusaalem ijaari.
benigne fac Domine in bona voluntate tua Sion et aedificentur muri Hierusalem
19 Yoos ati aarsaa qajeelaatti, qalma gubamuu fi qalma akkuma jirutti gubamutti ni gammadda; korommiinis iddoo aarsaa kee irratti ni dhiʼeeffaman.
tunc acceptabis sacrificium iustitiae oblationes et holocausta tunc inponent super altare tuum vitulos

< Faarfannaa 51 >