Preface
Read
+
Publisher
Nainoia, Inc.
PO Box 462, Bellefonte, PA 16823
(814) 470-8028
Nainoia Inc, Publisher
LinkedIn/NAINOIA-INC
Third Party Publisher Resources
Request Custom Formatted Verses
Please contact us below
Submit your proposed corrections
I understand that the Aionian Bible republishes public domain and Creative Commons Bible texts and that volunteers may be needed to present the original text accurately. I also understand that apocryphal text is removed and most variant verse numbering is mapped to the English standard. I have entered my corrections under the verse(s) below. Proposed corrections to the New Oromo Contemporary Version, Psalms Chapter 51 https://www.AionianBible.org/Bibles/Oromo---New-World/Psalms/51 1) Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Faarfannaa kanas inni erga Batisheebaa bira gaʼee booddee yeroo Naataan raajichi gara isaa dhufetti faarfate. Yaa Waaqayyo, akkuma jaalala kee kan hin geeddaramne sanaatti na maari; akkuma baayʼina araara keetiitti, yakka koo narraa haqi. 2) Yakka koo hundumaa narraa dhiqi; cubbuu koo irraas na qulqulleessi. 3) Ani yakka koo beekaatii; cubbuun koos yeroo hunda fuula koo dura jira. 4) Ani sitti, suma qofatti cubbuu hojjedheera; waan fuula kee duratti hamaa taʼes hojjedheera; kanaafuu ati murtii keetiin qajeelaa dha; yommuu murtii kennituttis hin dogoggortu. 5) Dhuguma iyyuu ani cubbuudhaanan dhaladhe; yeroo haati koo na ulfooftee jalqabees cubbamaan ture. 6) Ati keessa namaatti dhugaa hawwita; kanaafuu keessa kootti ogummaa na barsiisi. 7) Hiisophiidhaan cubbuu irraa na qulqulleessi; anis nan qulqullaaʼa; na dhiqi; anis cabbii caalaatti nan addaadha. 8) Gammachuu fi ilillee na dhageessisi; lafeen ati caccabsites haa ililchu. 9) Fuula kee cubbuu koo irraa deebifadhu; yakka koo hundas narraa haqi. 10) Yaa Waaqayyo, garaa qulqulluu na keessatti uumi; Hafuura qajeelaas na keessatti haaromsi. 11) Fuula kee duraa na hin balleessin; Hafuura kee Qulqulluus narraa hin fudhatin. 12) Gammachuu fayyina keetii naa deebisi; na jiraachisuudhaafis hafuura sarmu naa kenni. 13) Anis warra karaa kee irraa jalʼatan nan barsiisa; cubbamoonnis gara kee ni deebiʼu. 14) Yaa Waaqi, Waaqa na Fayyiftu, ati dhiiga dhangalaasuu irraa na oolchi; arrabni koos qajeelummaa kee ni faarfata. 15) Yaa Gooftaa, hidhii koo naa bani; afaan koos galata kee labsa. 16) Ati aarsaatti hin gammaddu malee silaa nan dhiʼeessa ture; aarsaa gubamuttis hin gammaddu. 17) Aarsaan Waaqni fudhatu hafuura cabaa dha; Yaa Waaqi, ati garaa cabaa fi kan gaabbu hin tuffatu. 18) Jaalala keetiin Xiyooniif waan gaarii godhi; dallaa Yerusaalem ijaari. 19) Yoos ati aarsaa qajeelaatti, qalma gubamuu fi qalma akkuma jirutti gubamutti ni gammadda; korommiinis iddoo aarsaa kee irratti ni dhiʼeeffaman. Additional comments?
Refresh Captcha
The world's first Holy Bible un-translation!