< Faarfannaa 49 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Yaa namoota, isin hundi waan kana dhagaʼaa; warri addunyaa kana irra jiraattan hundinuu dhaggeeffadhaa;
Kwa mtsogoleri wa mayimbidwe. Salimo la ana a Kora. Imvani izi anthu a mitundu yonse; mvetserani, nonse amene mumakhala pa dziko lonse,
2 xinnaa fi guddaan, sooressii fi hiyyeessi walumaan dhaggeeffadhaa; kunis:
anthu wamba pamodzi ndi anthu odziwika, olemera pamodzinso ndi osauka:
3 Afaan koo dubbii ogummaa dubbata; wanti ani garaatti yaadus hubannaa kenna.
Pakamwa panga padzayankhula mawu anzeru; mawu ochokera mu mtima mwanga adzapereka nzeru.
4 Gurra koo gara mammaaksaatti nan qabadha; hibboo koos baganaadhaan nan ibsadha.
Ndidzatchera khutu langa ku mwambo, ndi pangwe ndidzafotokoza momveka mwambi wanga.
5 Bara rakkinaa, yeroo gowwoomsitoonni hamoon na marsanitti, ani maaliifan sodaadha?
Ine ndichitirenji mantha pamene masiku oyipa afika, pamene achinyengo oyipa andizungulira.
6 Isaan qabeenya isaanii amanatu; guddina sooruma isaaniitiinis boonu.
Iwo amene adalira kulemera kwawo ndi kutamandira kuchuluka kwa chuma chawo?
7 Namni lubbuu nama gara biraa furu, yookaan gatii furii nama sanaa Waaqaaf baasu tokko iyyuu hin jiru;
Palibe munthu amene angawombole moyo wa mnzake kapena kuperekera mnzake dipo kwa Mulungu.
8 furiin lubbuu namaa gatii guddaa qabaatii; gatiin quufsaanis yoom iyyuu hin argamu;
Dipo la moyo ndi la mtengowapatali, palibe malipiro amene angakwanire,
9 silaa inni bara baraan ni jiraata; hin tortorus ture.
kuti iye akhale ndi moyo mpaka muyaya ndi kusapita ku manda.
10 Akka ogeeyyiin duʼan namni hundinuu ni arga; gowwoonnii fi raatuwwanis akkasuma ni badu; qabeenya isaaniis warra kaaniif dhiisu.
Pakuti onse amaona kuti anthu anzeru amamwalira; opusa ndi opanda nzeru chimodzimodzinso amawonongeka ndipo amasiyira chuma chawo anthu ena.
11 Isaan yoo lafa maqaa isaaniitiin waamamtu qabaatan illee, awwaalli isaanii bara baraan mana isaanii, dhalootaa hamma dhalootaattis iddoo boqonnaa isaanii taʼee hafa.
Manda awo adzakhala nyumba zawo mpaka muyaya, malo awo okhalako kwa nthawi yonse ya mibado yawo, ngakhale anatchula malo mayina awo.
12 Namni garuu qabeenya qabaatu illee bara dheeraa hin jiraatu; inni akkuma bineensa duʼee baduu ti.
Ngakhale munthu akhale wachuma chotani, adzafa ngati nyama.
13 Wanni namoota ofitti amanatanii fi warra isaan duukaa buʼanii dubbii isaanii hoʼisan eeggatu kanuma.
Izi ndi zimene zimachitikira iwo amene amadzidalira okha, ndi owatsatira awo amene amavomereza zimene amayankhula. (Sela)
14 Isaan akkuma hoolaa duʼaaf ramadamaniiru; duuti tiksee isaanii ti; toloonni ganamaan isaan irratti aangoo qabaatu; dhagni isaanii mana isaanii irraa fagaatee awwaala keessatti ni tortora; awwaallis mana jireenya isaanii ti. (Sheol h7585)
Monga nkhosa iwo ayenera kupita ku manda, ndipo imfa idzawadya. Olungama adzawalamulira mmawa; matupi awo adzavunda mʼmanda, kutali ndi nyumba zawo zaufumu. (Sheol h7585)
15 Waaqni garuu lubbuu koo humna siiʼool jalaa baasa; inni dhugumaan ofitti na fudhata. (Sheol h7585)
Koma Mulungu adzawombola moyo wanga kuchoka ku manda; ndithu Iye adzanditengera kwa Iye mwini. (Sheol h7585)
16 Yommuu namni tokko sooromu, yommuu ulfinni mana isaas guddatu hin sodaatin.
Usavutike mu mtima pamene munthu akulemera, pamene ulemerero wa nyumba yake ukuchulukirachulukira;
17 Inni yommuu duʼutti waanuma tokko illee fudhatee hin deemuutii; ulfinni isaas isa wajjin hin dhaqu.
Pakuti sadzatenga kanthu pamodzi naye pamene wamwalira, ulemerero wake sudzapita pamodzi naye.
18 Inni bara jireenya isaa lubbuu isaa eebbisu iyyuu, yoo namoonni yeroo ati waan gaarii ofii keetii godhattutti si jajan illee,
Ngakhale pamene munthuyo ali moyo amadziyesa wodala, ndipo ngakhale atamandidwe pamene zinthu zikumuyendera bwino,
19 inni gara dhaloota abbootii isaa, gara warra gonkumaa deebiʼanii ifa jireenyaa hin arginee ni dhaqa.
iyeyo adzakakhala pamodzi ndi mʼbado wa makolo ake, amene sadzaonanso kuwala.
20 Namni badhaadhaan hubannaa hin qabne, akkuma bineensaa duʼee bada.
Munthu amene ali ndi chuma koma wopanda nzeru adzafa ngati nyama yakuthengo.

< Faarfannaa 49 >