< Faarfannaa 45 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo ilmaan Qooraahi kan “Daraaraa” jedhamu. Maskiil. Faarfannaa cidhaa. Yommuu ani mootiidhaaf faarfadhutti, yaadni gaariin garaa koo guutee irra dhangalaʼa; arrabni koos akkuma biirii barreessaa ogeessa tokkoo ti.
Moyo wangu unafurika kwa neno zuri; nitasoma kwa sauti maneno niliyo yaandika kuhusu mfalme; ulimi wangu ni kalamu ya mwandishi mwenye ustadi.
2 Ati nama hundumaa caalaa miidhagaa dha; hidhii kee irra surraatu dhangalaʼa; kanaafuu Waaqni bara baraan si eebbiseera.
Wewe u mzuri sana kuliko mwanadamu yeyote; neema imemiminwa midomoni mwako; Kwa hiyo tunajua ya kuwa Mungu amekubariki milele.
3 Yaa gooticha, goraadee kee luqqeettuutti hidhadhu; ulfinaa fi surraa uffadhu.
Weka upanga wako upande wako, wewe uliye mwenye nguvu, katika utukufu wako na enzi yako.
4 Sababii dubbii dhugaatiif, gad of qabiisaa fi qajeelummaatiif, miidhagina keetiin moʼannaadhaan fuula duratti gulufi; harki kee mirgaas hojii sodaachisaa haa hojjetu.
Katika enzi yako enenda katika ushindi kwa sababu ya uaminifu, upole, na haki; mkono wako wa kuume utakufundisha mambo ya kutisha.
5 Xiyyawwan kee qara qabeeyyiin sun onnee diinota mootii haa waraanan; saboonnis miilla kee jalatti haa jijjiganii.
Mishale yako ni mkali; watu huanguka chini yako; mishale yako imo ndani ya mioyo ya adui za mfalme.
6 Yaa Waaqayyo, teessoon kee bara baraa hamma bara baraatti ni jiraata; bokkuun qajeelummaas bokkuu mootummaa keetii ni taʼa.
Kiti chako cha enzi, Mungu ni cha milele na milele; na fimbo ya haki ni fimbo ya utawala wako.
7 Ati qajeelummaa jaallatta; jalʼina immoo ni jibbita; kanaafuu Waaqayyo, Waaqni kee hiriyoota kee caalaatti, zayitiidhaan gammachuu si dibeera.
Umeipenda haki na kuchukia uovu; kwa hiyo Mungu, Mungu wako, amekupaka mafuta ya furaha kuliko wenzako.
8 Uffanni kee hundinuu qumbiidhaan, argeessaa fi qundhiidhaan ni urgaaʼa; masaraawwan ilka arbaatiin miidhagfaman keessattis muuziiqaan miʼa ribuu si gammachiisa.
Mavazi yako yote hunukia manemane, udi, na mdalasini; kukoka katika majumba ya pembe vyombo vya muziki wa nyuzi vimekufurahisha.
9 Intallan moototaa dubartoota kee warra kabajamoo keessa jiru; mootittiinis warqee Oofiiriitiin miidhagfamtee karaa harka mirga keetii dhaabatti.
Binti za wafalme ni kati ya wake zako waheshimiwa; na mkono wako wa kuume amesimama malikia aliye vaa mavazi ya dhahabu ya Ofiri.
10 Yaa intalaa dhagaʼi; hubadhu; gurra kees as qabi; saba keetii fi mana abbaa keetii irraanfadhu.
Sikiliza, mwanangu, tafakari na utege sikio lako; uwasahahu watu wako na watu wa nyumba ya baba yako.
11 Mootiin miidhagina kee hawwa; waan inni gooftaa kee taʼeef isa kabaji.
Hivyo mfalme atautamani uzuri wako; yeye ni Bwana wako; umstahi.
12 Intalli Xiiroos kennaa fiddee dhufti; sooreyyiinis garaa si laafifachuu barbaadu.
Binti wa Tiro atakuwepo akiwa na zawadi; matajiri kati wa watu watajipendekeza kwako.
13 Intalli mootii ulfina guddaadhaan diinqa ishee jirti; uffanni ishees warqeedhaan dhaʼame.
Binti mfalme katika jumba la kifahari ana utukufu wote; mavazi yake yametengenezwa kwa dhahabu.
14 Isheenis uffata halluu garaa garaa qabu uffattee gara mootiitti geeffamti; durboonni waaʼelli ishees ishee duukaa buʼanii gara keetti fidamu.
Naye ataongozwa kwa mfalme akiwa katika mavazi ya dhahabu; mabikra, wenzake wanoumfuata, wataletwa kwako mafalme.
15 Isaanis gammachuu fi ililleedhaan ol galfamu; masaraa mootichaas ni seenu.
Wao wataongozwa kwa furaha na shangwe; wataingia mahali pa mfalme.
16 Ilmaan kee iddoo abbootii keetii buʼan; atis lafa hunda irratti isaan ni moosifta.
Katika mahali pa baba zako watoto wako watakuwepo, ambao wewe utawafanya kuwa wakuu katika nchi yote.
17 Ani akka maqaan kee dhaloota hunda keessatti yaadatamu nan godha; kanaafuu saboonni bara baraa hamma bara baraatti si jajatu.
Nami nitalifanya jina lako kukumbukwa katika uzao wote; kwa hiyo watu watakushukuru milele na milele.

< Faarfannaa 45 >