< Faarfannaa 32 >
1 Faarfannaa Daawit. Maskiil. Namni yakki isaa dhiifameef, kan cubbuun isaas haguugameef, eebbifamaa dha.
Davidova pesem ukovita: Blagor oproščenemu pregreška, kogar greh je poravnán.
2 Namni Waaqayyo cubbuu itti hin lakkoofne, kan hafuura isaa keessas gowwoomsaan hin jirre, eebbifamaa dha.
Blagor človeku, kateremu Gospod ne všteva krivice, in katerega duh nima v sebi zvijače.
3 Yeroo ani cubbuu koo himachuu dhiisetti, guyyaa guutuu aaduu kootiin, lafeen koo ni bosose.
Ko sem molčal, starale so se kosti moje, v stoku mojem ves dan.
4 Harki kee halkanii fi guyyaa natti ulfaateeraatii; jabinni koos akkuma waan hoʼa bonaatiin taʼuutti xuuxame.
Ker podnevi in ponoči bila je težka nad mano roka tvoja; in sok moj najboljši preobračal se je v suše poletne.
5 Ergasiis cubbuu koo sitti nan himadhe; balleessaa koos si hin dhokfanne. Anis, “Irra daddarba koo, Waaqayyootti nan himadha” nan jedhe; atis yakka cubbuu kootii, naa dhiifteerta.
Greh svoj ti razodenem, in krivice svoje ne bodem pokrival (dejal sem). Izpovém se pregreškov svojih Gospodu, in ti si izbrisal kazen mojega greha.
6 Kanaafuu namni amanamaan kam iyyuu, yeroo ati itti argamtutti si haa kadhatu; lolaan bishaan guddaas isa bira hin gaʼu.
Zavoljo tega bode te molil, komurkoli deliš milost, kader se zgodi; (o povodnji mnogih vodâ ne doidejo njega);
7 Ati iddoo ani itti dhokadhuu dha; rakkina irraa na eegda; faarfannaa moʼannaatiinis na marsita.
Ti si zavetje meni; stiske me brani; s pesmami oproščenja me obdajaj.
8 Ani karaa ati irra deemtu irratti sin qajeelcha; sin barsiisas; ani ija koo jaalalaatiin sin ilaala; sin gorsa.
Podučeval te bodem in kazal ti, po kateri poti bodeš hodil; svetoval ti bodem, v te vpirajoč svoje oko.
9 Isin akka farda yookaan gaangoo hubannaa hin qabnee hin taʼinaa; isaan yoo luugamaa fi fuuloodhaan qabaman malee gara kee hin dhufan.
Ne bodite kakor konj, kakor mezeg, brez razuma, katerima je z uzdo in vajetom brzdati gobec, da se, ne približa tebi.
10 Dhiphinni namoota hamoo baayʼee dha; araarri Waaqayyoo garuu nama isa amanatu ni marsa.
Velike bolečine ima krivični; kdor pa ima zaupanje v Gospoda, njega obdaja milost.
11 Yaa qajeeltota, isin Waaqayyotti gammadaa; ililchaas; warri garaa qulqulluu qabdan hundinuu ililchaa.
Veselite se v Gospodu in radujte, pravični; in prepevajte, vsi pošteni v srci.