Preface
Read
+
Publisher
Nainoia, Inc.
PO Box 462, Bellefonte, PA 16823
(814) 470-8028
Nainoia Inc, Publisher
LinkedIn/NAINOIA-INC
Third Party Publisher Resources
Request Custom Formatted Verses
Please contact us below
Submit your proposed corrections
I understand that the Aionian Bible republishes public domain and Creative Commons Bible texts and that volunteers may be needed to present the original text accurately. I also understand that apocryphal text is removed and most variant verse numbering is mapped to the English standard. I have entered my corrections under the verse(s) below. Proposed corrections to the New Oromo Contemporary Version, Psalms Chapter 32 https://www.AionianBible.org/Bibles/Oromo---New-World/Psalms/32 1) Faarfannaa Daawit. Maskiil. Namni yakki isaa dhiifameef, kan cubbuun isaas haguugameef, eebbifamaa dha. 2) Namni Waaqayyo cubbuu itti hin lakkoofne, kan hafuura isaa keessas gowwoomsaan hin jirre, eebbifamaa dha. 3) Yeroo ani cubbuu koo himachuu dhiisetti, guyyaa guutuu aaduu kootiin, lafeen koo ni bosose. 4) Harki kee halkanii fi guyyaa natti ulfaateeraatii; jabinni koos akkuma waan hoʼa bonaatiin taʼuutti xuuxame. 5) Ergasiis cubbuu koo sitti nan himadhe; balleessaa koos si hin dhokfanne. Anis, “Irra daddarba koo, Waaqayyootti nan himadha” nan jedhe; atis yakka cubbuu kootii, naa dhiifteerta. 6) Kanaafuu namni amanamaan kam iyyuu, yeroo ati itti argamtutti si haa kadhatu; lolaan bishaan guddaas isa bira hin gaʼu. 7) Ati iddoo ani itti dhokadhuu dha; rakkina irraa na eegda; faarfannaa moʼannaatiinis na marsita. 8) Ani karaa ati irra deemtu irratti sin qajeelcha; sin barsiisas; ani ija koo jaalalaatiin sin ilaala; sin gorsa. 9) Isin akka farda yookaan gaangoo hubannaa hin qabnee hin taʼinaa; isaan yoo luugamaa fi fuuloodhaan qabaman malee gara kee hin dhufan. 10) Dhiphinni namoota hamoo baayʼee dha; araarri Waaqayyoo garuu nama isa amanatu ni marsa. 11) Yaa qajeeltota, isin Waaqayyotti gammadaa; ililchaas; warri garaa qulqulluu qabdan hundinuu ililchaa. Additional comments?
Refresh Captcha
The world's first Holy Bible un-translation!