< Faarfannaa 2 >

1 Namoonni maaliif akkanumaan malatu? Saboonnis maaliif waan akkanumaan mariʼatu?
Kwa nini mataifa wanashauriana kufanya mabaya, na kabila za watu kula njama bure?
2 Mootonni lafaa kaʼanii, bulchitoonnis Waaqayyoo fi Masiihii isaatiin mormuuf walitti qabaman;
Wafalme wa dunia wanajipanga na watawala wanajikusanya pamoja dhidi ya Bwana na dhidi ya Mpakwa Mafuta wake.
3 isaanis, “Kottaa foncaa isaanii of irraa kukkunnaa; hidhaa isaaniis of irraa hiiknee gannaa” jedhu.
Wanasema, “Tuvunje minyororo yao na kuvitupilia mbali vifungo vyao.”
4 Inni samii keessa, teessoo irra taaʼee jiru ni kolfa; Gooftaanis isaanitti qoosa.
Yeye atawalaye mbinguni hucheka, Bwana huwadharau.
5 Innis aarii isaatiin isaan ifata; dheekkamsa isaatiinis isaan naasisa;
Kisha huwakemea katika hasira yake na kuwaogopesha katika ghadhabu yake, akisema,
6 innis, “Ani tulluu koo qulqulluu irra, Xiyoon irra, mootii koo teessifadheera” jedha.
“Nimemtawaza Mfalme wangu juu ya Sayuni, mlima wangu mtakatifu.”
7 Ani seera Waaqayyoo nan labsa: innis akkana anaan jedhe; “Ati ilma koo ti; ani harʼa si dhalcheera.
Nitatangaza amri ya Bwana: Yeye aliniambia, “Wewe ni Mwanangu, leo mimi nimekuzaa.
8 Na kadhadhu; ani saboota dhaala kee, handaara lafaas qabeenya kee godhee siifan kenna.
Niombe, nami nitayafanya mataifa kuwa urithi wako, miisho ya dunia kuwa milki yako.
9 Ati ulee sibiilaatiin isaan cabsita; akka qodaa supheettis isaan hurreessita.”
Utawatawala kwa fimbo ya chuma na kuwavunjavunja kama chombo cha mfinyanzi.”
10 Kanaafuu yaa mootota, qalbeeffadhaa; bulchitoonni lafaas of eeggadhaa.
Kwa hiyo, ninyi wafalme, kuweni na hekima; mwonyeke, enyi watawala wa dunia.
11 Sodaadhaan Waaqayyoon tajaajilaa; hollachaas gammadaa.
Mtumikieni Bwana kwa hofu na mshangilie kwa kutetemeka.
12 Akka inni hin aarreef, isinis akka karaa irratti hin badneef ilma isaa dhungadhaa; dheekkamsi isaa dafee bobaʼaatii. Warri isatti kooluu galan hundi eebbifamoo dha.
Mbusu Mwana, asije akakasirika nawe ukaangamizwa katika njia yako, kwa maana hasira yake inaweza kuwaka ghafula. Heri wote wanaomkimbilia.

< Faarfannaa 2 >