< Faarfannaa 2 >

1 Namoonni maaliif akkanumaan malatu? Saboonnis maaliif waan akkanumaan mariʼatu?
Why do the nations rage, and the peoples plot in vain?
2 Mootonni lafaa kaʼanii, bulchitoonnis Waaqayyoo fi Masiihii isaatiin mormuuf walitti qabaman;
The kings of the earth take a stand, and the rulers take counsel together, against the LORD, and against his Anointed:
3 isaanis, “Kottaa foncaa isaanii of irraa kukkunnaa; hidhaa isaaniis of irraa hiiknee gannaa” jedhu.
"Let's tear off their shackles, and throw off their ropes from us."
4 Inni samii keessa, teessoo irra taaʼee jiru ni kolfa; Gooftaanis isaanitti qoosa.
The one who sits in the heavens laughs. The LORD scoffs at them.
5 Innis aarii isaatiin isaan ifata; dheekkamsa isaatiinis isaan naasisa;
Then he will speak to them in his anger, and terrify them in his wrath:
6 innis, “Ani tulluu koo qulqulluu irra, Xiyoon irra, mootii koo teessifadheera” jedha.
"But I myself have installed my king on Zion, my holy mountain."
7 Ani seera Waaqayyoo nan labsa: innis akkana anaan jedhe; “Ati ilma koo ti; ani harʼa si dhalcheera.
I will tell of the decree. The LORD said to me, "You are my son. Today I have become your father.
8 Na kadhadhu; ani saboota dhaala kee, handaara lafaas qabeenya kee godhee siifan kenna.
Ask of me, and I will give the nations as your inheritance, and the farthest parts of the earth for your possession.
9 Ati ulee sibiilaatiin isaan cabsita; akka qodaa supheettis isaan hurreessita.”
You shall rule them with an iron scepter. You shall dash them in pieces like a potter's vessel."
10 Kanaafuu yaa mootota, qalbeeffadhaa; bulchitoonni lafaas of eeggadhaa.
Now therefore, you kings, be wise; receive correction, you judges of the earth.
11 Sodaadhaan Waaqayyoon tajaajilaa; hollachaas gammadaa.
Serve the LORD with fear, and rejoice with trembling.
12 Akka inni hin aarreef, isinis akka karaa irratti hin badneef ilma isaa dhungadhaa; dheekkamsi isaa dafee bobaʼaatii. Warri isatti kooluu galan hundi eebbifamoo dha.
Do homage in purity, lest he be angry, and you perish in the way, when his anger is suddenly kindled. Blessed are all those who take refuge in him.

< Faarfannaa 2 >