< Faarfannaa 15 >

1 Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, eenyutu dunkaana kee keessa jiraata? Eenyutu tulluu kee qulqulluu sana irra jiraachuu dandaʼa?
“A psalm of David.” LORD, who shall abide at thy tabernacle? Who shall dwell upon thy holy hill?
2 Nama adeemsi isaa mudaa hin qabnee fi nama waan qajeelaa hojjetu, nama garaa isaatii dhugaa dubbatuu fi
He that walketh uprightly, and doeth righteousness, And speaketh the truth from his heart;
3 kan arraba isaatiin nama hin hamanne, nama ollaa isaatti waan hamaa hin hojjennee fi nama ollaa isaa maqaa hin balleessine,
He that slandereth not with his tongue, That doeth no injury to his neighbor, And uttereth no reproach against his neighbor;
4 kan nama hamaa tuffatee warra Waaqayyoon sodaatan garuu kabaju, yoo waan isa miidhu taʼe illee nama kakuu isaa eegu,
In whose eyes a vile person is contemned; But who honoreth them that fear the LORD; Who sweareth to his own hurt, and changeth not;
5 nama maallaqa isaa hiiqiidhaan hin liqeessinee fi kan nama yakka hin qabne miidhuuf jedhee mattaʼaa hin fudhannee dha. Namni wantoota kanneen hojjetu, gonkumaa hin raafamu.
He that lendeth not his money for interest, And taketh not a bribe against the innocent: He that doeth these things shall never be moved.

< Faarfannaa 15 >