< Faarfannaa 17 >

1 Kadhannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, iyyata ani murtii qajeelaaf iyyadhu dhagaʼi; booʼicha koos dhaggeeffadhu. Kadhannaa koo kan afaan nama hin gowwoomsine keessaa baʼuufis gurra kenni.
“A psalm of David.” Hear the righteous cause, O LORD! Attend to my cry; Give ear to my prayer from lips without deceit!
2 Murtiin koo si biraa haa dhufu; iji kees waan qajeelaa haa argu.
May my sentence come forth from thy presence; May thine eyes behold uprightness!
3 Ati yoo garaa koo qorte, halkaniinis yoo na ilaalte, yoo na sakattaates, homaa narratti hin argattu; ani akka afaan koo cubbuu hin hojjenneef kutadheeraatii.
Provest thou my heart, visitest thou me in the night, Triest thou me like gold, thou shalt find nothing!
4 Waaʼee hojii namootaa immoo ani dubbii afaan keetiitiin karaa gooltotaa irraa of eeggadheera.
My thoughts do not vary from my lips. As to the deeds of men, Through the word of thy lips I have kept me from the paths of the destroyer.
5 Tarkaanfiin koo karaa kee irratti cimeera; miilli koos hin mucucaanne.
Support my steps in thy paths, That my feet may not slip!
6 Yaa Waaqi, waan ati deebii naa kennituuf ani sin waammadha; gurra kee gara kootti qabiitii kadhannaa koo dhagaʼi.
I call upon thee, O God! for thou wilt hear me; Incline thine ear to me, and listen to my prayer!
7 Yaa isa warra diinota isaanii jalaa sitti baqatan harka kee mirgaatiin oolchitu, ati jaalala kee isa hin geeddaramne sana haala dinqisiisaadhaan argisiisi.
Show forth thy loving-kindness, O thou that savest by thy right hand Them that seek refuge in thee from their adversaries!
8 Akka agartuu ija keetiitti na eegi; gaaddidduu qoochoo keetiitiinis na dhoksi;
Guard me as the apple of the eye; Hide me under the shadow of thy wings
9 hamoota na dhiphisan jalaa, diinota na ajjeesuuf na marsan jalaa na baasi.
From the wicked who assault me, From my deadly enemies who compass me about!
10 Isaan garaa isaanii kan namaa hin naane sana ni guduunfu; afaan isaaniis of tuulummaadhaan dubbata.
They shut up their hard heart; With their mouth they speak haughtily.
11 Isaan faana na dhaʼu; ammas na marsaniiru; lafaan na dhaʼuudhaafis ija babaasu.
They encompass us in all our steps; They fix their eyes upon us, that they may cast us on the ground.
12 Isaan akka leenca waa kukkutachuu kajeeluu ti; akka leenca guddaa riphee waa gaaduu ti.
They are like a lion, eager for his prey; Like a young lion, lurking in secret places.
13 Yaa Waaqayyo kaʼi; itti baʼiitii isaan kuffisi; goraadee keetiinis hamoota jalaa na baasi.
Arise, O LORD! disappoint them, cast them down! Deliver me from the wicked by thy sword,
14 Yaa Waaqayyo, namoota akkanaa jalaa, namoota addunyaa kanaa warra qoodni isaanii jireenyuma ammaa taʼe jalaa harka keetiin na baraari. Garaan isaanii waan ati isaaniif kuufte haa quufu; ijoolleen isaaniis akka malee haa quufan; isaanis waan isaan irraa hafe daaʼimman isaaniitiif haa kaaʼan.
From men, by thy hand, O LORD! from men of the world, Whose portion is in life; whom thou loadest with thy treasure; Whose children have enough, and leave their superfluity to their children.
15 Ani garuu qajeelummaadhaan fuula kee nan arga; yommuun dammaquttis ani ulfina kee arguudhaan nan quufa.
But I through righteousness shall see thy face; I shall be satisfied with the revival of thy countenance.

< Faarfannaa 17 >