< Faarfannaa 147 >

1 Haalleluuyaa. Faarfannaadhaan Waaqa galateeffachuun akkam gaarii dha; isa galateeffachuun akkam gammachiisaa fi kan maluu dha!
Yabi Ubangiji. Yana da kyau a rera yabai ga Allahnmu, abu mai daɗi ne daidai ne kuma a yabe shi!
2 Waaqayyo Yerusaalemin ni ijaara; Israaʼeloota boojiʼamanis walitti qaba.
Ubangiji ya gina Urushalima; ya tattara kamammu na Isra’ilan da aka kai bauta.
3 Warra garaan cabe ni fayyisa; madaa isaaniis walitti hodha.
Ya warkar da masu raunanar zuciya ya ɗaɗɗaura miyakunsu.
4 Inni baayʼina urjiiwwanii ni beeka; tokkoo tokkoo isaaniis maqaa maqaadhaan waama.
Ya lissafta yawan taurari ya kuma kira kowannensu da suna.
5 Gooftaan keenya guddaa dha; humni isaas jabaa dha; hubannaan isaas dhuma hin qabu.
Shugabanmu mai girma ne mai iko duka; ganewarsa ba shi da iyaka.
6 Waaqayyo warra gad qabaman ni jiraachisa; hamoota garuu lafatti darbata.
Ubangiji yana kula da masu sauƙinkai yakan yar da mugaye a ƙasa.
7 Galata galchaa Waaqayyoon faarfadhaa; baganaadhaanis Waaqa keenyaaf weeddisaa.
Rera wa Ubangiji waƙar godiya; ku kada garaya ga Allahnmu.
8 Inni samiiwwani duumessaan haguuga; lafaafis bokkaa kenna; tulluuwwan irrattis marga biqilcha.
Ya rufe sararin sama da gizagizai; yana tanada wa duniya ruwan sama yana kuma sa ciyawa tă yi girma a kan tuddai.
9 Horiidhaaf waan isaan dheedan, yommuu ilmaan arraagessaa iyyanitti nyaata isaaniif ni kenna.
Yakan tanada wa shanu abinci da kuma saboda’ya’yan hankaki sa’ad da suka yi kira.
10 Inni jabina fardaatti hin gammadu; yookaan miilli namaa isa hin gammachiisu;
Jin daɗinsa ba ya a ƙarfin doki, balle farin cikinsa yă kasance a ƙafafun mutum;
11 Waaqayyo warra isa sodaatanitti, warra araara isaa abdatanitti ni gammada.
Ubangiji yakan yi farin ciki a waɗanda suke tsoronsa, waɗanda suke sa zuciya a ƙaunarsa marar ƙarewa.
12 Yaa Yerusaalem, Waaqayyoon galateeffadhu; Yaa Xiyoon Waaqa kee galateeffadhu.
Ki ɗaukaka Ubangiji, ya Urushalima; ki yabi Allahnki, ya Sihiyona.
13 Inni danqaraa karra keetii ni jabeessaatii; ijoollee kees si keessatti eebbisa.
Gama yana ƙarfafa ƙyamaren ƙofofinki yana kuma albarkace mutanenki a cikinki.
14 Daarii keetiif nagaa kenna; qamadii qulqulluudhaanis si quubsa.
Yana ba da salama ga iyakokinki yana kuma ƙosar da ke da alkama mafi kyau.
15 Inni ajaja isaa gara lafaatti ni erga; dubbiin isaas ni ariifata.
Yana ba da umarninsa ga duniya; maganarsa tana tafiya da sauri.
16 Inni cabbii akkuma suufiitti diriirsa; qorras akkuma daaraatti bittinneessa.
Yana shimfiɗa ƙanƙara kamar ulu yă kuma watsar da hazo kamar toka.
17 Dhagaa cabbii akkuma cirrachaa gad darbata. Dhaamocha isaa dura eenyutu dhaabachuu dandaʼa?
Yana zuba ƙanƙara kamar ƙananan duwatsu. Wa zai iya jure wa sanyin da ya aiko?
18 Inni dubbii isaa ergee isaan baqsa; bubbee isaa ni kaasa; bishaanonnis ni yaaʼu.
Yakan aiki maganarsa ta kuwa narkar da su; yakan tā da iskarsa, ruwaye kuwa su gudu.
19 Inni dubbii isaa Yaaqoobitti, seeraa fi sirna isaa immoo Israaʼelitti mulʼiseera.
Ya bayyana maganarsa ga Yaƙub, dokokinsa da ƙa’idodinsa ga Isra’ila.
20 Waan kana saba biraa tokkoof iyyuu hin goone; isaan seera isaa hin beekan. Haalleluuyaa.
Bai yi wannan ga wata al’umma ba; ba su san dokokinsa ba. Yabi Ubangiji.

< Faarfannaa 147 >