Preface
Read
+
Publisher
Nainoia, Inc.
PO Box 462, Bellefonte, PA 16823
(814) 470-8028
Nainoia Inc, Publisher
LinkedIn/NAINOIA-INC
Third Party Publisher Resources
Request Custom Formatted Verses
Please contact us below
Submit your proposed corrections
I understand that the Aionian Bible republishes public domain and Creative Commons Bible texts and that volunteers may be needed to present the original text accurately. I also understand that apocryphal text is removed and most variant verse numbering is mapped to the English standard. I have entered my corrections under the verse(s) below. Proposed corrections to the New Oromo Contemporary Version, Psalms Chapter 147 https://www.AionianBible.org/Bibles/Oromo---New-World/Psalms/147 1) Haalleluuyaa. Faarfannaadhaan Waaqa galateeffachuun akkam gaarii dha; isa galateeffachuun akkam gammachiisaa fi kan maluu dha! 2) Waaqayyo Yerusaalemin ni ijaara; Israaʼeloota boojiʼamanis walitti qaba. 3) Warra garaan cabe ni fayyisa; madaa isaaniis walitti hodha. 4) Inni baayʼina urjiiwwanii ni beeka; tokkoo tokkoo isaaniis maqaa maqaadhaan waama. 5) Gooftaan keenya guddaa dha; humni isaas jabaa dha; hubannaan isaas dhuma hin qabu. 6) Waaqayyo warra gad qabaman ni jiraachisa; hamoota garuu lafatti darbata. 7) Galata galchaa Waaqayyoon faarfadhaa; baganaadhaanis Waaqa keenyaaf weeddisaa. 8) Inni samiiwwani duumessaan haguuga; lafaafis bokkaa kenna; tulluuwwan irrattis marga biqilcha. 9) Horiidhaaf waan isaan dheedan, yommuu ilmaan arraagessaa iyyanitti nyaata isaaniif ni kenna. 10) Inni jabina fardaatti hin gammadu; yookaan miilli namaa isa hin gammachiisu; 11) Waaqayyo warra isa sodaatanitti, warra araara isaa abdatanitti ni gammada. 12) Yaa Yerusaalem, Waaqayyoon galateeffadhu; Yaa Xiyoon Waaqa kee galateeffadhu. 13) Inni danqaraa karra keetii ni jabeessaatii; ijoollee kees si keessatti eebbisa. 14) Daarii keetiif nagaa kenna; qamadii qulqulluudhaanis si quubsa. 15) Inni ajaja isaa gara lafaatti ni erga; dubbiin isaas ni ariifata. 16) Inni cabbii akkuma suufiitti diriirsa; qorras akkuma daaraatti bittinneessa. 17) Dhagaa cabbii akkuma cirrachaa gad darbata. Dhaamocha isaa dura eenyutu dhaabachuu dandaʼa? 18) Inni dubbii isaa ergee isaan baqsa; bubbee isaa ni kaasa; bishaanonnis ni yaaʼu. 19) Inni dubbii isaa Yaaqoobitti, seeraa fi sirna isaa immoo Israaʼelitti mulʼiseera. 20) Waan kana saba biraa tokkoof iyyuu hin goone; isaan seera isaa hin beekan. Haalleluuyaa. Additional comments?
Refresh Captcha
The world's first Holy Bible un-translation!