< Faarfannaa 136 >

1 Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii.
Give thanks to the LORD, for He is good.
2 Waaqa waaqotaatiif galata galchaa.
Give thanks to the God of gods.
3 Gooftaa Gooftotaatiif galata galchaa:
Give thanks to the Lord of lords.
4 inni kophaa isaa dinqii gurguddaa hojjeta;
He alone does great wonders.
5 inni ogummaa isaatiin samiiwwan uume;
By His insight He made the heavens.
6 inni bishaanota irratti lafa diriirse;
He spread out the earth upon the waters.
7 inni ifa gurguddaa hojjete;
He made the great lights—
8 inni akka biiftuun guyyaa mootu godhe;
the sun to rule the day,
9 inni akka jiʼii fi urjiiwwan halkan moʼan godhe;
the moon and stars to govern the night.
10 inni hangafa Gibxi dhaʼe;
He struck down the firstborn of Egypt
11 inni isaan gidduudhaa Israaʼelin baase;
and brought Israel out from among them
12 harka jabaa fi irree diriiraadhaan Israaʼelin baase;
with a mighty hand and an outstretched arm.
13 inni Galaana Diimaa iddoo lamatti gargarii qoode;
He divided the Red Sea in two
14 inni galaana gidduudhaan Israaʼelin dabarse;
and led Israel through the midst,
15 Faraʼoonii fi loltoota isaa garuu Galaana Diimaatti naqe;
but swept Pharaoh and his army into the Red Sea.
16 inni saba ofii isaa gammoojjii keessa geggeesse;
He led His people through the wilderness.
17 inni mootota gurguddaa dhaʼe;
He struck down great kings
18 inni mootota jajjaboo fixe;
and slaughtered mighty kings—
19 inni Sihoon mootii Amoorotaa ajjeese;
Sihon king of the Amorites
20 inni Oogi mootii Baashaan ajjeese;
and Og king of Bashan—
21 inni biyya isaanii dhaala godhee kenne;
and He gave their land as an inheritance,
22 dhaala godhee garbicha isaa Israaʼeliif kenne;
a heritage to His servant Israel.
23 Inni yeroo nu gad deebinetti nu yaadate;
He remembered us in our low estate
24 inni harka diinota keenyaatii nu baase,
and freed us from our enemies.
25 inni uumama hundaaf soora kenna;
He gives food to every creature.
26 Waaqa samiitiif galata galchaa.
Give thanks to the God of heaven!

< Faarfannaa 136 >