< Faarfannaa 126 >
1 Faarfannaa ol baʼuu. Yeroo Waaqayyo warra boojiʼamanii turan gara Xiyoonitti deebisetti, nu akka warra abjuu abjootanii taane.
上行之诗。 当耶和华将那些被掳的带回锡安的时候, 我们好像做梦的人。
2 Afaan keenya kolfaan, arrabni keenya immoo faarfannaa gammachuutiin guutame. Kana irratti saboota gidduutti, “Waaqayyo waan guddaa isaaniif godheera” jedhame.
我们满口喜笑、 满舌欢呼的时候, 外邦中就有人说: 耶和华为他们行了大事!
3 Waaqayyo waan guddaa nuuf godhe; nus ni gammanne.
耶和华果然为我们行了大事, 我们就欢喜。
4 Yaa Waaqayyo, akkuma lagoota Negeeb, boojuu keenya nuu deebisi.
耶和华啊,求你使我们被掳的人归回, 好像南地的河水复流。
5 Warri imimmaaniin facaasan, faarfannaa gammachuutiin ni haammatu.
流泪撒种的, 必欢呼收割!
6 Namni sanyii facaafamu baadhatee booʼaa gad baʼu, bissii isaa baadhatee faarfannaa gammachuu faarfachaa deebiʼa.
那带种流泪出去的, 必要欢欢乐乐地带禾捆回来!