< Faarfannaa 125 >
1 Faarfannaa ol baʼuu. Warri Waaqayyoon amanatan akka Tulluu Xiyoon kan hin raafamne, kan bara baraan jiraatu sanaa ti.
上行之诗。 倚靠耶和华的人 好像锡安山,永不动摇。
2 Akkuma tulluuwwan Yerusaalemin marsan sana, Waaqayyo ammaa jalqabee hamma bara baraatti, saba isaa ni marsa.
众山怎样围绕耶路撒冷, 耶和华也照样围绕他的百姓, 从今时直到永远。
3 Akka qajeeltonni jalʼina hojjechuuf harka isaanii ol hin diriirfanneef, bokkuun hamootaa lafa qajeeltotaaf ixaadhaan qoodame irra hin jiraatu.
恶人的杖不常落在义人的分上, 免得义人伸手作恶。
4 Yaa Waaqayyo, warra gaariif, warra garaa isaaniitiin toloota taʼaniifis waan gaarii godhi.
耶和华啊,求你善待那些为善 和心里正直的人。
5 Warra karaa micciiramaatti garagalan garuu, Waaqayyo akkuma warra hammina hojjetan balleessu jaras ni balleessa. Nagaan Israaʼeliif haa taʼu.
至于那偏行弯曲道路的人, 耶和华必使他和作恶的人一同出去受刑。 愿平安归于以色列!