< Faarfannaa 116 >
1 Ani Waaqayyoon nan jaalladha; inni sagalee waammata kootii naa dhagaʼeeraatii.
Ninampenda Bwana kwa maana amesikia sauti yangu; amesikia kilio changu ili anihurumie.
2 Sababii inni gurra isaa gara kootti deebiseef, ani hamman lubbuun jiraadhutti isa nan waammadha.
Kwa sababu amenitegea sikio lake, nitamwita siku zote za maisha yangu.
3 Kiyyoon duʼaa na marse; dhiphinni Siiʼoolis na qabate; ani rakkinaa fi gaddaan nan moʼame. (Sheol )
Kamba za mauti zilinizunguka, maumivu makuu ya kuzimu yalinipata, nikalemewa na taabu na huzuni. (Sheol )
4 Anis, “Yaa Waaqayyo na oolchi!” jedhee maqaa Waaqayyoo nan waammadhe.
Ndipo nikaliitia jina la Bwana: “Ee Bwana, niokoe!”
5 Waaqayyo arjaa fi qajeelaa dha; Waaqni keenya gara laaffessa.
Bwana ni mwenye neema na haki, Mungu wetu ni mwingi wa huruma.
6 Waaqayyo garraamota ni eega; yeroo ani baayʼee rakkadhetti isatu na gargaare.
Bwana huwalinda wanyenyekevu, nilipokuwa katika shida kubwa, aliniokoa.
7 Yaa lubbuu ko, boqonnaa keetti deebiʼi; Waaqayyo waan gaarii siif godheeraatii.
Ee nafsi yangu, tulia tena, kwa kuwa Bwana amekuwa mwema kwako.
8 Ati yaa Waaqayyo lubbuu koo duʼa irraa, ija koo imimmaan irraa, miilla koo gufachuu irraa waan oolchiteef,
Kwa kuwa wewe, Ee Bwana, umeniokoa nafsi yangu na mauti, macho yangu kutokana na machozi, miguu yangu kutokana na kujikwaa,
9 ani biyya warra jiraatoo keessa, fuula Waaqayyoo dura nan jiraadha.
ili niweze kutembea mbele za Bwana, katika nchi ya walio hai.
10 Ani yeroo, “Ani baayʼee dhiphadheera” jedhetti, amantii koo eeggadheera.
Niliamini, kwa hiyo nilisema, “Mimi nimeteseka sana.”
11 Ani yommuun burjaajaʼetti, “Namni hundinuu sobduu dha” nan jedhe.
Katika taabu yangu nilisema, “Wanadamu wote ni waongo.”
12 Waan gaarii inni naa godhe hundaaf, ani Waaqayyoof maalan deebisa?
Nimrudishie Bwana nini kwa wema wake wote alionitendea?
13 Ani xoofoo fayyinaa ol kaasee maqaa Waaqayyoo nan waammadha.
Nitakiinua kikombe cha wokovu na kulitangaza jina la Bwana.
14 Fuula saba isaa hundumaa duratti, ani wareega koo Waaqayyoof nan galcha.
Nitazitimiza nadhiri zangu kwa Bwana mbele za watu wake wote.
15 Duuti qulqulloota isaa, fuula Waaqayyoo duratti ulfina qaba.
Kifo cha watakatifu kina thamani machoni pa Bwana.
16 Yaa Waaqayyo, ani dhugumaan tajaajilaa kee ti; ani tajaajilaa kee ilma tajaajiltuu keetii ti; ati foncaa koo narraa hiikteerta.
Ee Bwana, hakika mimi ni mtumishi wako, mimi ni mtumishi wako, mwana wa mjakazi wako; umeniweka huru toka katika minyororo yangu.
17 Ani aarsaa galataa siif nan dhiʼeessa; maqaa Waaqayyoos nan waammadha.
Nitakutolea dhabihu ya kukushukuru na kuliita jina la Bwana.
18 Iddoo sabni isaa hundi jirutti, ani wareega koo Waaqayyoof nan galcha;
Nitazitimiza nadhiri zangu kwa Bwana mbele za watu wake wote,
19 yaa Yerusaalem si keessatti, oobdii mana Waaqayyoo irrattis nan galcha. Haalleluuyaa.
katika nyua za nyumba ya Bwana, katikati yako, ee Yerusalemu. Msifuni Bwana.