Preface
Read
+
Publisher
Nainoia, Inc.
PO Box 462, Bellefonte, PA 16823
(814) 470-8028
Nainoia Inc, Publisher
LinkedIn/NAINOIA-INC
Third Party Publisher Resources
Request Custom Formatted Verses
Please contact us below
Submit your proposed corrections
I understand that the Aionian Bible republishes public domain and Creative Commons Bible texts and that volunteers may be needed to present the original text accurately. I also understand that apocryphal text is removed and most variant verse numbering is mapped to the English standard. I have entered my corrections under the verse(s) below. Proposed corrections to the New Oromo Contemporary Version, Psalms Chapter 116 https://www.AionianBible.org/Bibles/Oromo---New-World/Psalms/116 1) Ani Waaqayyoon nan jaalladha; inni sagalee waammata kootii naa dhagaʼeeraatii. 2) Sababii inni gurra isaa gara kootti deebiseef, ani hamman lubbuun jiraadhutti isa nan waammadha. 3) Kiyyoon duʼaa na marse; dhiphinni Siiʼoolis na qabate; ani rakkinaa fi gaddaan nan moʼame. (Sheol h7585) 4) Anis, “Yaa Waaqayyo na oolchi!” jedhee maqaa Waaqayyoo nan waammadhe. 5) Waaqayyo arjaa fi qajeelaa dha; Waaqni keenya gara laaffessa. 6) Waaqayyo garraamota ni eega; yeroo ani baayʼee rakkadhetti isatu na gargaare. 7) Yaa lubbuu ko, boqonnaa keetti deebiʼi; Waaqayyo waan gaarii siif godheeraatii. 8) Ati yaa Waaqayyo lubbuu koo duʼa irraa, ija koo imimmaan irraa, miilla koo gufachuu irraa waan oolchiteef, 9) ani biyya warra jiraatoo keessa, fuula Waaqayyoo dura nan jiraadha. 10) Ani yeroo, “Ani baayʼee dhiphadheera” jedhetti, amantii koo eeggadheera. 11) Ani yommuun burjaajaʼetti, “Namni hundinuu sobduu dha” nan jedhe. 12) Waan gaarii inni naa godhe hundaaf, ani Waaqayyoof maalan deebisa? 13) Ani xoofoo fayyinaa ol kaasee maqaa Waaqayyoo nan waammadha. 14) Fuula saba isaa hundumaa duratti, ani wareega koo Waaqayyoof nan galcha. 15) Duuti qulqulloota isaa, fuula Waaqayyoo duratti ulfina qaba. 16) Yaa Waaqayyo, ani dhugumaan tajaajilaa kee ti; ani tajaajilaa kee ilma tajaajiltuu keetii ti; ati foncaa koo narraa hiikteerta. 17) Ani aarsaa galataa siif nan dhiʼeessa; maqaa Waaqayyoos nan waammadha. 18) Iddoo sabni isaa hundi jirutti, ani wareega koo Waaqayyoof nan galcha; 19) yaa Yerusaalem si keessatti, oobdii mana Waaqayyoo irrattis nan galcha. Haalleluuyaa. Additional comments?
Refresh Captcha
The world's first Holy Bible un-translation!