< Faarfannaa 116 >

1 Ani Waaqayyoon nan jaalladha; inni sagalee waammata kootii naa dhagaʼeeraatii.
わたしは主を愛する。主はわが声と、わが願いとを聞かれたからである。
2 Sababii inni gurra isaa gara kootti deebiseef, ani hamman lubbuun jiraadhutti isa nan waammadha.
主はわたしに耳を傾けられたので、わたしは生きるかぎり主を呼びまつるであろう。
3 Kiyyoon duʼaa na marse; dhiphinni Siiʼoolis na qabate; ani rakkinaa fi gaddaan nan moʼame. (Sheol h7585)
死の綱がわたしを取り巻き、陰府の苦しみがわたしを捕えた。わたしは悩みと悲しみにあった。 (Sheol h7585)
4 Anis, “Yaa Waaqayyo na oolchi!” jedhee maqaa Waaqayyoo nan waammadhe.
その時わたしは主のみ名を呼んだ。「主よ、どうぞわたしをお救いください」と。
5 Waaqayyo arjaa fi qajeelaa dha; Waaqni keenya gara laaffessa.
主は恵みふかく、正しくいらせられ、われらの神はあわれみに富まれる。
6 Waaqayyo garraamota ni eega; yeroo ani baayʼee rakkadhetti isatu na gargaare.
主は無学な者を守られる。わたしが低くされたとき、主はわたしを救われた。
7 Yaa lubbuu ko, boqonnaa keetti deebiʼi; Waaqayyo waan gaarii siif godheeraatii.
わが魂よ、おまえの平安に帰るがよい。主は豊かにおまえをあしらわれたからである。
8 Ati yaa Waaqayyo lubbuu koo duʼa irraa, ija koo imimmaan irraa, miilla koo gufachuu irraa waan oolchiteef,
あなたはわたしの魂を死から、わたしの目を涙から、わたしの足をつまずきから助け出されました。
9 ani biyya warra jiraatoo keessa, fuula Waaqayyoo dura nan jiraadha.
わたしは生ける者の地で、主のみ前に歩みます。
10 Ani yeroo, “Ani baayʼee dhiphadheera” jedhetti, amantii koo eeggadheera.
「わたしは大いに悩んだ」と言った時にもなお信じた。
11 Ani yommuun burjaajaʼetti, “Namni hundinuu sobduu dha” nan jedhe.
わたしは驚きあわてたときに言った、「すべての人は当にならぬ者である」と。
12 Waan gaarii inni naa godhe hundaaf, ani Waaqayyoof maalan deebisa?
わたしに賜わったもろもろの恵みについて、どうして主に報いることができようか。
13 Ani xoofoo fayyinaa ol kaasee maqaa Waaqayyoo nan waammadha.
わたしは救の杯をあげて、主のみ名を呼ぶ。
14 Fuula saba isaa hundumaa duratti, ani wareega koo Waaqayyoof nan galcha.
わたしはすべての民の前で、主にわが誓いをつぐなおう。
15 Duuti qulqulloota isaa, fuula Waaqayyoo duratti ulfina qaba.
主の聖徒の死はそのみ前において尊い。
16 Yaa Waaqayyo, ani dhugumaan tajaajilaa kee ti; ani tajaajilaa kee ilma tajaajiltuu keetii ti; ati foncaa koo narraa hiikteerta.
主よ、わたしはあなたのしもべです。わたしはあなたのしもべ、あなたのはしための子です。あなたはわたしのなわめを解かれました。
17 Ani aarsaa galataa siif nan dhiʼeessa; maqaa Waaqayyoos nan waammadha.
わたしは感謝のいけにえをあなたにささげて、主のみ名を呼びます。
18 Iddoo sabni isaa hundi jirutti, ani wareega koo Waaqayyoof nan galcha;
わたしはすべての民の前で主にわが誓いをつぐないます。
19 yaa Yerusaalem si keessatti, oobdii mana Waaqayyoo irrattis nan galcha. Haalleluuyaa.
エルサレムよ、あなたの中で、主の家の大庭の中で、これをつぐないます。主をほめたたえよ。

< Faarfannaa 116 >