< Faarfannaa 115 >
1 Nuuf miti; yaa Waaqayyo, nuuf miti; garuu jaalalaa fi amanamummaa keetiif jedhiitii maqaa keetiif ulfina kenni.
Sio kwetu sisi, Ee Bwana, sio kwetu sisi, bali utukufu ni kwa jina lako, kwa sababu ya upendo na uaminifu wako.
2 Saboonni maaliif, “Waaqni isaanii eessa jira?” jedhu?
Kwa nini mataifa waseme, “Yuko wapi Mungu wao?”
3 Waaqni keenya samii keessa jira; inni waan isa gammachiisu kam iyyuu ni hojjeta.
Mungu wetu yuko mbinguni, naye hufanya lolote limpendezalo.
4 Waaqonni isaanii tolfamoon garuu meetii fi warqee harka namaatiin hojjetamanii dha.
Lakini sanamu zao ni za fedha na dhahabu, zilizotengenezwa kwa mikono ya wanadamu.
5 Isaan afaan qabu; garuu dubbachuu hin dandaʼan; ijas qabu; garuu arguu hin dandaʼan;
Zina vinywa, lakini haziwezi kusema, zina macho, lakini haziwezi kuona;
6 gurra qabu; garuu dhagaʼuu hin dandaʼan; funyaan qabu; garuu fuunfachuu hin dandaʼan;
zina masikio, lakini haziwezi kusikia, zina pua, lakini haziwezi kunusa;
7 harka qabu; garuu qaqqabachuu hin dandaʼan; miilla qabu; garuu deemuu hin dandaʼan; laagaa isaanii keessattis sagalee tokko illee hin uuman.
zina mikono, lakini haziwezi kupapasa, zina miguu, lakini haziwezi kutembea; wala koo zao haziwezi kutoa sauti.
8 Warri isaan tolchan kanneen isaan amanatan hundi akkuma isaanii taʼu.
Wale wanaozitengeneza watafanana nazo, vivyo hivyo wale wote wanaozitumainia.
9 Yaa mana Israaʼel, Waaqayyoon amanadhu; inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.
Ee nyumba ya Israeli, mtumainini Bwana, yeye ni msaada na ngao yao.
10 Yaa mana Aroon, Waaqayyoon amanadhu; inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.
Ee nyumba ya Aroni, mtumainini Bwana, yeye ni msaada na ngao yao.
11 Isin warri isa sodaattan, Waaqayyoon amanadhaa; inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.
Ninyi mnaomcha, mtumainini Bwana, yeye ni msaada na ngao yao.
12 Waaqayyo nu yaadata; nu eebbisas; inni mana Israaʼel ni eebbisa; mana Aroonis ni eebbisa;
Bwana anatukumbuka na atatubariki: ataibariki nyumba ya Israeli, ataibariki nyumba ya Aroni,
13 inni warra Waaqayyoon sodaatan, xinnaas guddaas ni eebbisa.
atawabariki wale wanaomcha Bwana, wadogo kwa wakubwa.
14 Waaqayyo, isinii fi ijoollee keessan haa baayʼisu.
Bwana na awawezeshe kuongezeka, ninyi na watoto wenu.
15 Waaqayyo samii fi lafa Uume sun isin haa eebbisu.
Mbarikiwe na Bwana Muumba wa mbingu na dunia.
16 Samiin samiiwwanii oliis kan Waaqayyoo ti; lafa garuu inni namaaf kenneera.
Mbingu zilizo juu sana ni mali ya Bwana, lakini dunia amempa mwanadamu.
17 Warri duʼan yookaan warri gara iddoo calʼisanitti gad buʼan Waaqayyoon galateeffachuu hin dandaʼan;
Sio wafu wanaomsifu Bwana, wale washukao mahali pa kimya,
18 nu garuu ammaa jalqabnee bara baraan Waaqayyoon ni eebbifna. Haalleluuyaa.
bali ni sisi tunaomtukuza Bwana, sasa na hata milele. Msifuni Bwana.