Preface
Read
+
Publisher
Nainoia, Inc.
PO Box 462, Bellefonte, PA 16823
(814) 470-8028
Nainoia Inc, Publisher
LinkedIn/NAINOIA-INC
Third Party Publisher Resources
Request Custom Formatted Verses
Please contact us below
Submit your proposed corrections
I understand that the Aionian Bible republishes public domain and Creative Commons Bible texts and that volunteers may be needed to present the original text accurately. I also understand that apocryphal text is removed and most variant verse numbering is mapped to the English standard. I have entered my corrections under the verse(s) below. Proposed corrections to the New Oromo Contemporary Version, Psalms Chapter 115 https://www.AionianBible.org/Bibles/Oromo---New-World/Psalms/115 1) Nuuf miti; yaa Waaqayyo, nuuf miti; garuu jaalalaa fi amanamummaa keetiif jedhiitii maqaa keetiif ulfina kenni. 2) Saboonni maaliif, “Waaqni isaanii eessa jira?” jedhu? 3) Waaqni keenya samii keessa jira; inni waan isa gammachiisu kam iyyuu ni hojjeta. 4) Waaqonni isaanii tolfamoon garuu meetii fi warqee harka namaatiin hojjetamanii dha. 5) Isaan afaan qabu; garuu dubbachuu hin dandaʼan; ijas qabu; garuu arguu hin dandaʼan; 6) gurra qabu; garuu dhagaʼuu hin dandaʼan; funyaan qabu; garuu fuunfachuu hin dandaʼan; 7) harka qabu; garuu qaqqabachuu hin dandaʼan; miilla qabu; garuu deemuu hin dandaʼan; laagaa isaanii keessattis sagalee tokko illee hin uuman. 8) Warri isaan tolchan kanneen isaan amanatan hundi akkuma isaanii taʼu. 9) Yaa mana Israaʼel, Waaqayyoon amanadhu; inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti. 10) Yaa mana Aroon, Waaqayyoon amanadhu; inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti. 11) Isin warri isa sodaattan, Waaqayyoon amanadhaa; inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti. 12) Waaqayyo nu yaadata; nu eebbisas; inni mana Israaʼel ni eebbisa; mana Aroonis ni eebbisa; 13) inni warra Waaqayyoon sodaatan, xinnaas guddaas ni eebbisa. 14) Waaqayyo, isinii fi ijoollee keessan haa baayʼisu. 15) Waaqayyo samii fi lafa Uume sun isin haa eebbisu. 16) Samiin samiiwwanii oliis kan Waaqayyoo ti; lafa garuu inni namaaf kenneera. 17) Warri duʼan yookaan warri gara iddoo calʼisanitti gad buʼan Waaqayyoon galateeffachuu hin dandaʼan; 18) nu garuu ammaa jalqabnee bara baraan Waaqayyoon ni eebbifna. Haalleluuyaa. Additional comments?
Refresh Captcha
The world's first Holy Bible un-translation!