< Faarfannaa 115 >

1 Nuuf miti; yaa Waaqayyo, nuuf miti; garuu jaalalaa fi amanamummaa keetiif jedhiitii maqaa keetiif ulfina kenni.
Not to us, Lord, not to us, but to your name give glory, for your kindness’ and faithfulness’ sake.
2 Saboonni maaliif, “Waaqni isaanii eessa jira?” jedhu?
Why should the heathen say, “Where is now their God?”
3 Waaqni keenya samii keessa jira; inni waan isa gammachiisu kam iyyuu ni hojjeta.
Our God he is in heaven; whatever he wishes, he does.
4 Waaqonni isaanii tolfamoon garuu meetii fi warqee harka namaatiin hojjetamanii dha.
Their idols are silver and gold, made by human hands.
5 Isaan afaan qabu; garuu dubbachuu hin dandaʼan; ijas qabu; garuu arguu hin dandaʼan;
They have mouths, but cannot speak; they have eyes, but cannot see.
6 gurra qabu; garuu dhagaʼuu hin dandaʼan; funyaan qabu; garuu fuunfachuu hin dandaʼan;
They have ears, but cannot hear; they have noses, but cannot smell.
7 harka qabu; garuu qaqqabachuu hin dandaʼan; miilla qabu; garuu deemuu hin dandaʼan; laagaa isaanii keessattis sagalee tokko illee hin uuman.
They have hands, but cannot feel; they have feet, but cannot walk: no sound comes from their throats.
8 Warri isaan tolchan kanneen isaan amanatan hundi akkuma isaanii taʼu.
Their makers become like them, so do all who trust in them.
9 Yaa mana Israaʼel, Waaqayyoon amanadhu; inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.
O Israel, trust in the Lord: he is their help and their shield.
10 Yaa mana Aroon, Waaqayyoon amanadhu; inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.
House of Aaron, trust in the Lord: he is their help and their shield.
11 Isin warri isa sodaattan, Waaqayyoon amanadhaa; inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.
You who fear the Lord, trust in the Lord he is their help and their shield.
12 Waaqayyo nu yaadata; nu eebbisas; inni mana Israaʼel ni eebbisa; mana Aroonis ni eebbisa;
The Lord, mindful of us, will bless us: he will bless the house of Israel, he will bless the house of Aaron.
13 inni warra Waaqayyoon sodaatan, xinnaas guddaas ni eebbisa.
He will bless those who fear the Lord, the small and the great together.
14 Waaqayyo, isinii fi ijoollee keessan haa baayʼisu.
May the Lord add to your numbers to you and to your children.
15 Waaqayyo samii fi lafa Uume sun isin haa eebbisu.
Blessed be you of the Lord, creator of heaven and earth.
16 Samiin samiiwwanii oliis kan Waaqayyoo ti; lafa garuu inni namaaf kenneera.
The heavens are the heavens of the Lord, but the earth has he given to people.
17 Warri duʼan yookaan warri gara iddoo calʼisanitti gad buʼan Waaqayyoon galateeffachuu hin dandaʼan;
The dead cannot praise the Lord, nor those who go down into silence.
18 nu garuu ammaa jalqabnee bara baraan Waaqayyoon ni eebbifna. Haalleluuyaa.
But we will bless the Lord from now and for evermore. Hallelujah.

< Faarfannaa 115 >