< Faarfannaa 113 >

1 Haalleluuyaa. Yaa tajaajiltoota Waaqayyoo, galata galchaa; maqaa Waaqayyoo jajadhaa.
Msifuni Yahwe. Msifuni yeye, enyi watumishi wa Yahwe; lisifuni jina la Yahwe.
2 Ammaa hamma bara baraatti maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu.
Litukuzwe jina la Yahwe, tangu sasa na hata milele.
3 Baʼa biiftuutii hamma lixa biiftuutti, maqaan Waaqayyoo haa jajamu.
Toka maawio ya jua hata machweo yake, Jina la Yahwe lazima lisifiwe.
4 Waaqayyo saba hundaa ol jira; ulfinni isaas samiiwwanii ol.
Yahwe ameinuliwa juu ya mataifa yote, na utukufu wake wafika juu mbinguni.
5 Kan akka Waaqayyo Waaqa keenya isa gubbaa teessoo isaa irra taaʼu sanaa eenyu?
Ni nani aliye kama Yahwe Mungu wetu, aliye na kiti chake juu,
6 Kan gad jedhee samii fi lafa ilaalu eenyu?
atazamaye chini angani na duniani?
7 Inni hiyyeessa awwaara keessaa ni kaasa; rakkataas tuulaa daaraa keessaa ol fuudha;
Humwinua maskini toka mavumbini na kumpandisha muhitaji kutoka jaani,
8 inni bulchitoota gidduu, bulchitoota saba isaa gidduus isaan teessisa.
ili amketishe pamoja na wakuu, pamoja na wakuu wa watu wake.
9 Inni akkuma haadha ijoollee kan gammachuudhaan jiraattuutti, dubartii maseena mana ishee keessa ni jiraachisa. Haalleluuyaa.
Humpa watoto wanamke aliye tasa, humfanya yeye kuwa mama wa watoto mwenye furaha. Msifuni Yahwe!

< Faarfannaa 113 >