< Faarfannaa 113 >
1 Haalleluuyaa. Yaa tajaajiltoota Waaqayyoo, galata galchaa; maqaa Waaqayyoo jajadhaa.
Halleluja! Lova, de Herrens tenarar, lova Herrens namn!
2 Ammaa hamma bara baraatti maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu.
Herrens namn vere lova frå no og til æveleg tid!
3 Baʼa biiftuutii hamma lixa biiftuutti, maqaan Waaqayyoo haa jajamu.
Frå solekoma og til soleglad er Herrens namn høglova.
4 Waaqayyo saba hundaa ol jira; ulfinni isaas samiiwwanii ol.
Høg yver alle heidningar er Herren, yver himmelen er hans æra.
5 Kan akka Waaqayyo Waaqa keenya isa gubbaa teessoo isaa irra taaʼu sanaa eenyu?
Kven er som Herren, vår Gud? han som sit so høgt,
6 Kan gad jedhee samii fi lafa ilaalu eenyu?
han som ser so djupt i himmelen og på jordi,
7 Inni hiyyeessa awwaara keessaa ni kaasa; rakkataas tuulaa daaraa keessaa ol fuudha;
han som reiser den ringe or moldi og lyfter den fatige or skarnet
8 inni bulchitoota gidduu, bulchitoota saba isaa gidduus isaan teessisa.
til å setja honom hjå hovdingar, hjå sitt folks hovdingar;
9 Inni akkuma haadha ijoollee kan gammachuudhaan jiraattuutti, dubartii maseena mana ishee keessa ni jiraachisa. Haalleluuyaa.
han som let ufruktsame bu heime som ei glad barnemor. Halleluja!