< Fakkeenya 18 >

1 Namni addaan of baasu ofittummaa duukaa buʼa; murtii dhugaa hundaanis ni morma.
Mtu ajitengaye na wengine hufuata matakwa yake mwenyewe; hupiga vita kila shauri jema.
2 Namni gowwaan hubannaa argachuutti hin gammadu; garuu yaaduma isaa ibsuutti gammada.
Mpumbavu hafurahii ufahamu, bali hufurahia kutangaza maoni yake mwenyewe.
3 Yeroo hamminni dhufu tuffiin dhufa; salphinnis qaanii wajjin dhufa.
Wakati uovu unapokuja, dharau huja pia, pamoja na aibu huja lawama.
4 Dubbiin afaan namaa bishaan gad fagoo dha; burqaan ogummaa garuu bishaan yaaʼuu dha.
Maneno ya kinywa cha mwanadamu ni kina cha maji, bali chemchemi ya hekima ni kijito kinachobubujika.
5 Gara nama hamaa goruun yookaan nama balleessaa hin qabne murtii qajeelaa dhowwachuun gaarii miti.
Sio vizuri kumpendelea mtu mwovu, au kumnyima haki asiye na hatia.
6 Hidhiin gowwaa lola fida; afaan isaas rukutamuu itti waama.
Midomo ya mpumbavu humletea ugomvi na kinywa chake hualika kipigo.
7 Afaan gowwaa badiisa isaa ti; hidhiin isaas kiyyoo lubbuu isaa ti.
Kinywa cha mpumbavu ni uharibifu wake na midomo yake ni mtego kwa nafsi yake.
8 Dubbiin hamattuu akkuma gurshaa miʼaawuu ti; gara kutaa garaattis gad buʼa.
Maneno ya mchongezi ni kama chakula kitamu; huingia sehemu za ndani sana za mtu.
9 Namni hojii isaa irratti dhibaaʼu, obboleessa nama waa balleessuu ti.
Mtu aliye mlegevu katika kazi yake ni ndugu na yule anayeharibu.
10 Maqaan Waaqayyoo gamoo jabaa dha; namni qajeelaan itti baqatee badiisa oola.
Jina la Bwana ni ngome imara, wenye haki huikimbilia na kuwa salama.
11 Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha; isaanis akka dallaa ol dheeraatti hedu.
Mali ya tajiri ni mji wake wenye ngome, wanaudhania kuwa ukuta usioweza kurukwa.
12 Kufaatiidhaan dura garaan namaa of tuula; gad of qabuun garuu ulfinaan dura dhufa.
Kabla ya anguko moyo wa mtu hujaa kiburi, bali unyenyekevu hutangulia heshima.
13 Utuu hin dhaggeeffatin deebii kennuun, gowwummaa fi qaanii dha.
Yeye ajibuye kabla ya kusikiliza, huo ni upumbavu wake na aibu yake.
14 Hafuurri namaa dhukkuba ni obsa; hafuura cabe garuu eenyutu obsuu dandaʼa?
Roho ya mtu itastahimili katika ugonjwa bali roho iliyovunjika ni nani awezaye kuistahimili?
15 Garaan nama hubataa beekumsa argata; gurri ogeessaas waan kana barbaada.
Moyo wa mwenye ufahamu hujipatia maarifa, masikio ya mwenye hekima huyatafuta maarifa.
16 Kennaan abbicha kennuuf karaa bana; fuula namoota gurguddaa durattis isa dhiʼeessa.
Zawadi humfungulia njia mtoaji, nayo humleta mbele ya wakuu.
17 Hamma namni biraa dhufee isaan mormutti, namni jalqabatti himata isaa dhiʼeeffatu tokko dhugaa qabeessa fakkaata.
Yeye aliye wa kwanza kuleta mashtaka huonekana sahihi, hadi mwingine ajitokezapo na kumuuliza maswali.
18 Ixaa buusuun wal falmii qabbaneessa; namoota wal lolan jajjaboos addaan galcha.
Kupiga kura hukomesha mashindano na kutenganisha wapinzani wakuu wanaopingana.
19 Obboleessa yakkame tokko deebisuun magaalaa daʼoo qabdu irra ulfaata; wal falmiinis akkuma danqaraa karra dallaa dhagaa ti.
Ndugu aliyechukizwa ni mgumu kuridhika kuliko mji uliozungushiwa ngome, nayo mabishano ni kama malango ya ngome yenye makomeo.
20 Ija afaan isaatiin garaan namaa quufa; dubbii arraba isaatiinis ni guuta.
Tumbo la mtu litajaa kutokana na tunda la kinywa chake, atashibishwa mavuno yanayotokana na midomo yake.
21 Arrabni humna jireenyaatii fi duʼaa qaba; warri isa jaallatanis ija isaa nyaatu.
Mauti na uzima viko katika uwezo wa ulimi, nao waupendao watakula matunda yake.
22 Namni niitii argatu waan gaarii argata; fuula Waaqayyoo durattis surraa argata.
Apataye mke apata kitu chema naye ajipatia kibali kwa Bwana.
23 Hiyyeessi arraba laafaadhaan dubbata; sooressi garuu sagalee jabaadhaan deebii kenna.
Mtu maskini huomba kuhurumiwa bali tajiri hujibu kwa ukali.
24 Namni michoota baayʼisu ni bada; garuu michuun obboleessa caalaa namatti aanu ni jira.
Mtu mwenye marafiki wengi wanaweza kumharibu, bali yuko rafiki aambatanaye na mtu kwa karibu kuliko ndugu.

< Fakkeenya 18 >