Preface
Read
+
Publisher
Nainoia, Inc.
PO Box 462, Bellefonte, PA 16823
(814) 470-8028
Nainoia Inc, Publisher
LinkedIn/NAINOIA-INC
Third Party Publisher Resources
Request Custom Formatted Verses
Please contact us below
Submit your proposed corrections
I understand that the Aionian Bible republishes public domain and Creative Commons Bible texts and that volunteers may be needed to present the original text accurately. I also understand that apocryphal text is removed and most variant verse numbering is mapped to the English standard. I have entered my corrections under the verse(s) below. Proposed corrections to the New Oromo Contemporary Version, Proverbs Chapter 18 https://www.AionianBible.org/Bibles/Oromo---New-World/Proverbs/18 1) Namni addaan of baasu ofittummaa duukaa buʼa; murtii dhugaa hundaanis ni morma. 2) Namni gowwaan hubannaa argachuutti hin gammadu; garuu yaaduma isaa ibsuutti gammada. 3) Yeroo hamminni dhufu tuffiin dhufa; salphinnis qaanii wajjin dhufa. 4) Dubbiin afaan namaa bishaan gad fagoo dha; burqaan ogummaa garuu bishaan yaaʼuu dha. 5) Gara nama hamaa goruun yookaan nama balleessaa hin qabne murtii qajeelaa dhowwachuun gaarii miti. 6) Hidhiin gowwaa lola fida; afaan isaas rukutamuu itti waama. 7) Afaan gowwaa badiisa isaa ti; hidhiin isaas kiyyoo lubbuu isaa ti. 8) Dubbiin hamattuu akkuma gurshaa miʼaawuu ti; gara kutaa garaattis gad buʼa. 9) Namni hojii isaa irratti dhibaaʼu, obboleessa nama waa balleessuu ti. 10) Maqaan Waaqayyoo gamoo jabaa dha; namni qajeelaan itti baqatee badiisa oola. 11) Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha; isaanis akka dallaa ol dheeraatti hedu. 12) Kufaatiidhaan dura garaan namaa of tuula; gad of qabuun garuu ulfinaan dura dhufa. 13) Utuu hin dhaggeeffatin deebii kennuun, gowwummaa fi qaanii dha. 14) Hafuurri namaa dhukkuba ni obsa; hafuura cabe garuu eenyutu obsuu dandaʼa? 15) Garaan nama hubataa beekumsa argata; gurri ogeessaas waan kana barbaada. 16) Kennaan abbicha kennuuf karaa bana; fuula namoota gurguddaa durattis isa dhiʼeessa. 17) Hamma namni biraa dhufee isaan mormutti, namni jalqabatti himata isaa dhiʼeeffatu tokko dhugaa qabeessa fakkaata. 18) Ixaa buusuun wal falmii qabbaneessa; namoota wal lolan jajjaboos addaan galcha. 19) Obboleessa yakkame tokko deebisuun magaalaa daʼoo qabdu irra ulfaata; wal falmiinis akkuma danqaraa karra dallaa dhagaa ti. 20) Ija afaan isaatiin garaan namaa quufa; dubbii arraba isaatiinis ni guuta. 21) Arrabni humna jireenyaatii fi duʼaa qaba; warri isa jaallatanis ija isaa nyaatu. 22) Namni niitii argatu waan gaarii argata; fuula Waaqayyoo durattis surraa argata. 23) Hiyyeessi arraba laafaadhaan dubbata; sooressi garuu sagalee jabaadhaan deebii kenna. 24) Namni michoota baayʼisu ni bada; garuu michuun obboleessa caalaa namatti aanu ni jira. Additional comments?
Refresh Captcha
The world's first Holy Bible un-translation!