< Fakkeenya 18 >
1 Namni addaan of baasu ofittummaa duukaa buʼa; murtii dhugaa hundaanis ni morma.
與眾寡合的,獨自尋求心願, 並惱恨一切真智慧。
2 Namni gowwaan hubannaa argachuutti hin gammadu; garuu yaaduma isaa ibsuutti gammada.
愚昧人不喜愛明哲, 只喜愛顯露心意。
3 Yeroo hamminni dhufu tuffiin dhufa; salphinnis qaanii wajjin dhufa.
惡人來,藐視隨來; 羞恥到,辱罵同到。
4 Dubbiin afaan namaa bishaan gad fagoo dha; burqaan ogummaa garuu bishaan yaaʼuu dha.
人口中的言語如同深水; 智慧的泉源好像湧流的河水。
5 Gara nama hamaa goruun yookaan nama balleessaa hin qabne murtii qajeelaa dhowwachuun gaarii miti.
瞻徇惡人的情面, 偏斷義人的案件,都為不善。
6 Hidhiin gowwaa lola fida; afaan isaas rukutamuu itti waama.
愚昧人張嘴啟爭端, 開口招鞭打。
7 Afaan gowwaa badiisa isaa ti; hidhiin isaas kiyyoo lubbuu isaa ti.
愚昧人的口自取敗壞; 他的嘴是他生命的網羅。
8 Dubbiin hamattuu akkuma gurshaa miʼaawuu ti; gara kutaa garaattis gad buʼa.
傳舌人的言語如同美食, 深入人的心腹。
9 Namni hojii isaa irratti dhibaaʼu, obboleessa nama waa balleessuu ti.
做工懈怠的, 與浪費人為弟兄。
10 Maqaan Waaqayyoo gamoo jabaa dha; namni qajeelaan itti baqatee badiisa oola.
耶和華的名是堅固臺; 義人奔入便得安穩。
11 Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha; isaanis akka dallaa ol dheeraatti hedu.
富足人的財物是他的堅城, 在他心想,猶如高牆。
12 Kufaatiidhaan dura garaan namaa of tuula; gad of qabuun garuu ulfinaan dura dhufa.
敗壞之先,人心驕傲; 尊榮以前,必有謙卑。
13 Utuu hin dhaggeeffatin deebii kennuun, gowwummaa fi qaanii dha.
未曾聽完先回答的, 便是他的愚昧和羞辱。
14 Hafuurri namaa dhukkuba ni obsa; hafuura cabe garuu eenyutu obsuu dandaʼa?
人有疾病,心能忍耐; 心靈憂傷,誰能承當呢?
15 Garaan nama hubataa beekumsa argata; gurri ogeessaas waan kana barbaada.
聰明人的心得知識; 智慧人的耳求知識。
16 Kennaan abbicha kennuuf karaa bana; fuula namoota gurguddaa durattis isa dhiʼeessa.
人的禮物為他開路, 引他到高位的人面前。
17 Hamma namni biraa dhufee isaan mormutti, namni jalqabatti himata isaa dhiʼeeffatu tokko dhugaa qabeessa fakkaata.
先訴情由的,似乎有理; 但鄰舍來到,就察出實情。
18 Ixaa buusuun wal falmii qabbaneessa; namoota wal lolan jajjaboos addaan galcha.
掣籤能止息爭競, 也能解散強勝的人。
19 Obboleessa yakkame tokko deebisuun magaalaa daʼoo qabdu irra ulfaata; wal falmiinis akkuma danqaraa karra dallaa dhagaa ti.
弟兄結怨,勸他和好,比取堅固城還難; 這樣的爭競如同堅寨的門閂。
20 Ija afaan isaatiin garaan namaa quufa; dubbii arraba isaatiinis ni guuta.
人口中所結的果子,必充滿肚腹; 他嘴所出的,必使他飽足。
21 Arrabni humna jireenyaatii fi duʼaa qaba; warri isa jaallatanis ija isaa nyaatu.
生死在舌頭的權下, 喜愛它的,必吃它所結的果子。
22 Namni niitii argatu waan gaarii argata; fuula Waaqayyoo durattis surraa argata.
得着賢妻的,是得着好處, 也是蒙了耶和華的恩惠。
23 Hiyyeessi arraba laafaadhaan dubbata; sooressi garuu sagalee jabaadhaan deebii kenna.
貧窮人說哀求的話; 富足人用威嚇的話回答。
24 Namni michoota baayʼisu ni bada; garuu michuun obboleessa caalaa namatti aanu ni jira.
濫交朋友的,自取敗壞; 但有一朋友比弟兄更親密。