< Fakkeenya 14 >

1 Dubartiin ogeettiin mana ishee ijaarratti; gowwaan immoo harkuma isheetiin mana ofii diigdi.
חכמות נשים בנתה ביתה ואולת בידיה תהרסנו
2 Namni qajeelummaan jiraatu Waaqayyoon sodaata; kan karaan isaa jalʼaa taʼe garuu isa tuffata.
הולך בישרו ירא יהוה ונלוז דרכיו בוזהו
3 Afaan nama gowwaa dugda isaatti ulee of tuulummaa fida; arrabni ogeeyyii garuu isaan eega.
בפי-אויל חטר גאוה ושפתי חכמים תשמורם
4 Yoo qotiyyoon hin jirre, dallaan duwwaa taʼa; garuu humna qotiyyoo tokkootiin midhaan baayʼeen argama.
באין אלפים אבוס בר ורב-תבואות בכח שור
5 Dhuga baatuun amanamaan hin sobu; dhuga baatuun sobaa immoo dhara of keessaa gad naqa.
עד אמונים לא יכזב ויפיח כזבים עד שקר
6 Qoostuun namaa ogummaa barbaadee hin argatu; nama waa hubatuuf garuu beekumsi dadhabbii malee dhufa.
בקש-לץ חכמה ואין ודעת לנבון נקל
7 Ati nama gowwaa irraa fagaadhu; arraba isaa irraa beekumsa hin argattuutii.
לך מנגד לאיש כסיל ובל-ידעת שפתי-דעת
8 Ogummaan hubattootaa akka isaan karaa isaanii beekan isaan godha; gowwummaan gowwootaa garuu karaa irraa isaan balleessa.
חכמת ערום הבין דרכו ואולת כסילים מרמה
9 Gowwoonni cubbuutti qoosu; qajeeltota gidduutti garuu hawwii gaariitu argama.
אולים יליץ אשם ובין ישרים רצון
10 Garaan gadda ofii isaa ni beeka; namni biraa tokko iyyuu gammachuu isaa irraa hin qooddatu.
לב--יודע מרת נפשו ובשמחתו לא-יתערב זר
11 Manni nama hamaa ni bada; dunkaanni nama qajeelaa immoo ni daraara.
בית רשעים ישמד ואהל ישרים יפריח
12 Karaan qajeelaa namatti fakkaatu tokko jira; dhuma irratti garuu duʼatti nama geessa.
יש דרך ישר לפני-איש ואחריתה דרכי-מות
13 Kolfa keessatti iyyuu garaan nama dhukkubuu dandaʼa; gammachuunis gaddaan dhumuu dandaʼa.
גם-בשחק יכאב-לב ואחריתה שמחה תוגה
14 Namni hin amanamne gatii karaa isaa, namni gaariin immoo gatii hojii isaa argata.
מדרכיו ישבע סוג לב ומעליו איש טוב
15 Namni homaa hin beekne waan hunda amana; namni qalbii qabu garuu tarkaanfii isaa ilaallata.
פתי יאמין לכל-דבר וערום יבין לאשרו
16 Namni ogeessi of eeggata; waan hamaa irraas ni deebiʼa; gowwaan garuu waan hundatti jarjara; of illee hin eeggatu.
חכם ירא וסר מרע וכסיל מתעבר ובוטח
17 Namni dafee aaru gowwummaa hojjeta; namni daba hojjetu garuu ni jibbama.
קצר-אפים יעשה אולת ואיש מזמות ישנא
18 Namni homaa hin beekne gowwummaa dhaala; qalbeeffataan garuu beekumsa gonfata.
נחלו פתאים אולת וערומים יכתרו דעת
19 Namoonni hamoon fuula namoota gaarii duratti, jalʼoonnis karra qajeeltotaa duratti sagadu.
שחו רעים לפני טובים ורשעים על-שערי צדיק
20 Hiyyeeyyii olloonni isaanii iyyuu ni jibbu; sooreyyiin immoo michoota hedduu qabu.
גם-לרעהו ישנא רש ואהבי עשיר רבים
21 Namni ollaa isaa tuffatu cubbuu hojjeta; kan rakkataaf garaa laafu garuu eebbifamaa dha.
בז-לרעהו חוטא ומחונן עניים (ענוים) אשריו
22 Namni hammina yaadu karaa irraa hin baduu? Warri waan gaarii karoorsan garuu jaalalaa fi amanamummaa argatu.
הלוא-יתעו חרשי רע וחסד ואמת חרשי טוב
23 Jabaatanii hojjechuun hundi buʼaa buusa; oduun faayidaa hin qabne garuu hiyyummaa qofa fida.
בכל-עצב יהיה מותר ודבר-שפתים אך-למחסור
24 Gonfoon ogeeyyii qabeenya isaanii ti; gowwummaan gowwootaa garuu gowwummaa dhala.
עטרת חכמים עשרם אולת כסילים אולת
25 Dhuga baatuun dhugaa lubbuu baraara; dhuga baatuun sobaa immoo soba dubbata.
מציל נפשות עד אמת ויפח כזבים מרמה
26 Namni Waaqayyoon sodaatu daʼannoo jabaa qaba; ijoolleen isaas daʼoo argatu.
ביראת יהוה מבטח-עז ולבניו יהיה מחסה
27 Waaqayyoon sodaachuun burqaa jireenyaa ti; kiyyoo duʼaa irraas nama deebisa.
יראת יהוה מקור חיים-- לסור ממקשי מות
28 Ulfinni mootii tokkoo baayʼina uummata isaa ti; yoo uummanni hin jirre garuu ilmi mootiis ni bada.
ברב-עם הדרת-מלך ובאפס לאם מחתת רזון
29 Namni obsa qabu hubannaa guddaa qaba; kan dafee aaru garuu gowwummaa mulʼisa.
ארך אפים רב-תבונה וקצר-רוח מרים אולת
30 Garaan nagaa qabu dhagnaaf jireenya kenna; hinaaffaan garuu lafee tortorsa.
חיי בשרים לב מרפא ורקב עצמות קנאה
31 Namni hiyyeessa cunqursu kan isa Uume tuffata; namni hiyyeessaaf garaa laafu immoo Waaqa kabaja.
עשק דל חרף עשהו ומכבדו חנן אביון
32 Hamoonni jalʼinuma isaaniitiin badu; qajeeltonni garuu duʼa keessatti illee amanamummaa isaaniitiin daʼannoo argatu.
ברעתו ידחה רשע וחסה במותו צדיק
33 Ogummaan qalbii nama waa hubatuu keessa jirti; garaa gowwootaa keessatti garuu hin beekamtu.
בלב נבון תנוח חכמה ובקרב כסילים תודע
34 Qajeelummaan saba ol guddisa; cubbuun garuu saba kamiif iyyuu salphina.
צדקה תרומם-גוי וחסד לאמים חטאת
35 Mootiin tajaajilaa ogeessatti ni gammada; kan isa qaanessutti garuu ni dheekkama.
רצון-מלך לעבד משכיל ועברתו תהיה מביש

< Fakkeenya 14 >